Itiyoophiyaan himata Invastimentii Idil-Addunyaa gurguddaa lama Injifannoon xumurteetti – Ministeera Haqaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan himata Invastimentii Idil-Addunyaa gurguddaa lama Injifannoon xumurteetti – Ministeera Haqaa
Bitootessa 30/2018(ENA) : Itiyoophiyaan garaagarummaa baatiiwwan muraasa keessatti himata invastimentii Idil-Addunyaa gurguddoo lama irratti dhihaate injifannoon xumuruu ishee Ministeerri Haqaa ibse.
Deetaan Ministeera Haqaa obbo Balaayihuun Yirgaa, Itiyoophiyaan waltajjii Idil-Addunyaa mana murtii irratti argatte ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru. kennaniiru.
Ibsa isaaniitiinis, injifannoowwan walitti aananii biyyattiin argatte kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoonaan lakkaawamu oolchuu bira darbee, faayidaa birmadummaa biyyaa kan kabachiisan ta’uu dubbataniiru.
Ministeerri Haqaa bu’uura labsii lakkoofsa 943/2008tiin aangoo kennameefiin, faayidaa siivilii(hariiroo) uummataa fi mootummaa eegsisuu, gorsaa olaanaa Mootummaa Federaalaa ta’uu fi waltajjii Idil-Addunyaa irratti yommuu biyyattiin himatamtu ittisuuf ittigaafatamummaa akka qabu ibsaniiru.
Himata gurguddoo injifannoon xumuraman keessaa inni jalqabaa, Kaampaanii ijaarsaa (konistiraakshinii) Turkii ‘Akgun Insaat Makina Sanayii ve Dis Ticaret Ltd. Sti.’ jedhamuun kan dhihaate yoo ta’u, walumaagalatti himannaa doolaara Miiliyoona 500 ol ta’uu dubbataniiru.
Himanni lammataa, Kubbaaniyaa biyya Neezerlaanditti galmaa'e “African Asset Finance Company Holding B.V.) yeroo baay'ee “Ethio Lease” jedhamuun kan beekamu dhiheesse dha.
Kuubbaaniyichi dirqama biyyaalessaa akka kabaju akeekkachiisni kennameef mirgi invastimentiikoo sarbeera jechuun kaffaltii Beenyaa Doolaara Miiliyoona 334 hanga miiliyoona 400 ol ta'u gaafatee akka ture yaadachiisaniiru.
Falmii Afaanii Biyya Neezerlaand, Magaalaa Heeg keessatti gaggeeffameen, ogeessota seeraa Itiyoophiyaan falmii cimaa dhiheessaniin, himannaan kun sagalee guutuu abbootii seeraa walabaa sadiiniin guutummaatti kufaa ta’eera.
Itiyoophiyaan falmii kanaaf baasii baastee fi kisaaraa ishee irra gahe hunda kuubbaaniyichi akka kaffalu murtaa'eera.
Himannaa kana kuffisuun kaffaltii doolaara miiliyoona dhibbootaan lakkaawamu hambisuun, qabeenya uummataa harka mootummaa keessatti hambiseera.
Injifannichi, dureeyyiin tokko tokko himannaa akka meeshaa sodaachisaatti (threatening tool) fayyadamuun seeraa jalaa miliquu barbaadaniif, Itiyoophiyaan seera kabachiisuu irratti ejjennoo cimaa qabaachuu ishee kan barsiisuu ta’uu eeraniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaan waliigalteewwan Idil-Addunyaa mallatteessite hunda kan kabajju ta’uu ishee mirkaneessuusaa eeraniiru.