Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera qabeessaa fi ajandaa dhalootaati - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seera qabeessaa fi ajandaa dhalootaati
Bitootessa 30/2018(ENA) : Gaaffiin seena qabeessi Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa gaaffii seeraa fi dippilomaasii kan barbaadu dhimma dhalootaa ta'uu hayyoonni damee bishaanii beeksisan.
Hayyoonni damee bishaanii Yuunivarsiitii Finfinnee ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, gaaffiin abbummaa seena qabeessi Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma qananii osoo hin taane dhimma dhalootaa fi dhimma jiraachuuti jedhani.
Barsiisaan Kutaa Barnoota Siivilii fi Injiinariingii Naannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Birhaanuu, Qaroominni Itiyoophiyaa bu'aa ida’ama bishaanota Abbayyaa fi Galaana Diimaati jedhaniiru.
Qaamonni Bishaanota lamaan kanaa (Abbayyaa fi Galaanni Diimaan) utubaa ijaarsa biyyaa fi guddina Dinagdee naannawaa ,Ardii fi Addunyaa ta'uusaanii ibsaniiru.
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaas dhimma dhalootaa, seeraa, seenaa, dinagdee fi haala teessuma lafaatiin ilaalamaa jiru ta'uu eeraniiru.
Kanaan walqabatee, gaaffichi Seenaa, Qaroomina, Hawaasummaa fi dinagdee waliin hidhata cimaa kan qabu dhimma jiraachuu fi dhalootaa ta'uusaas ibsaniiru.
Qorataan Haayidiroo-politiksii fi dhimma Bishaanii Idil-Addunyaa Yuunivarsiitichaa kan ta’an Doktar Yaa’iqoob Arsanoo, Abbummaan Ulaa Galaanaa Seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabu dhimma ijoodha jedhaniiru.
Diinonni Itiyoophiyaa jeequmsa shiftootaa fayyadamuun Eertiraa kutanii gargar baasuun, biyyattiin ulaa galaanaa isa madda qaroomina ishee ta'e irraa akka fagaattu taasifamuushee yaadachiisaniiru.
Hayyoonni kun dabalataan, dhimmi qaama bishaanota lamaan Itiyoophiyaa dhimma kabaja uummataa fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuudha jedhaniiru.
Dhaloonni Abbayya irratti Hidha Haaromsaa dhugoomse kun, ijaarsa seeraa fi dippilomaasii hordofuun gaaffii abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaatiif deebii argamsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.