Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanota yeroo kabajnu warra rakkatan yaadachuu fi qooduufiin ta’uu qaba- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Bitootessa 30/2018 (ENA): Yeroo ayyaana kabajnu namoota rakkatan yaadachuu fi waan qabnu waliif qooduu qabna jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen ayyaana Faasikaa dhufu sababeeffachuun kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa qabanii fi rakkoof saaxilamoo ta’an waliin maaddii qooddataniiru.


 

Sagantaa maaddii qooddachuu kana irratti ergaa dabarsaniin kantiibaan magaalattii yeroo ayyaana kabajnu namoota rakkatan yaadachuu fi waan qabnu waliif qooduu akka qabnu dubbataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa waggaa waggaan hojii kana kan raawwatu lammiileen ayyaana kana gammachuudhaan akka dabarsan ta’uu ibsaniiru.

Namoota rakkoof saaxilamoo fi maanguddoota deeggaruun ayyaana waliin kabajuun Itiyoophiyaanotaaf gatii gaarii akka ta’e hubachiisuun, Bulchiinsi magaalichaa hojii gaarii kana akka itti fufu mirkaneessaniiru.


 

Kantiibaan kun abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee deeggarsa kanaaf gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Komishinarri Komiishinii Hirmaannaa Hawaasaa fi Tola Ooltummaa Magaalaa Finfinnee, Komishinar Yimar Kabbadaa gama isaaniin,bulchiinsi magaalichaa hojiilee nama irratti xiyyeeffate wal deeggarsa irratti kan xiyyeeffate babal’isaa jira jedhani.

Sagantaa har’aatiin magaalittii kutaa magaalaa hundatti lammiilee galii gadi aanaa qabanif Kuma 200 fi Kuma 33'f maaddiin akka qoodamu himaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015