Tajaajilli Geejjibaa Veloosiitii yaa’insa geejjiba ummataa magaalaa haala mijeessuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Geejjibaa Veloosiitii yaa’insa geejjiba ummataa magaalaa haala mijeessuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Bitootessa 30/2018 (ENA): Tajaajilli Geejjibaa Veloosiitii yaa’insa geejjiba ummataa magaalaa haala mijeessuu fi dhaqqabamummaa isaa babal’isuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Yaabbibaal Addis ibsaniiru.
Dhaabbanni Tajaajila Geejjibaa Veeloosiitii walta’iinsa mootummaa fi deeggars dhaabbata dhuunfaan bu’uura godhachuun tajaajila kennaa jiru har’a waggaa 1ffaa isaa kabajeera.
Hogganaan Biiroo Geejjibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Yaabbibaal Addis dhaabbatichi waggaa tokko dura otoobisoota elektirikii 100’n hojii eegaluu isaa yaadachiisaniiru.
Waggaa darbe keessa guyyaatti lammiilee hanga kuma 120, waggaatti ammoo hanga miiliyoona 40 geejjibsiisuun gumaacha taasisuu himan.
Sochii guyyaa guyyaa jiraattotaa saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuu fi dhaqqabummaa geejjibaa ummataa babal’isuufis gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Kunis qooda geejjibaa ummataa magaalattii dhibbantaa 36 irraa gara dhibbeentaa 42tti ol guddiseera jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa geejjibni magariisaa faalama irraa bilisa ta’e babal’isuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, gama kanaan geejjibni Veeloositii konkolaattota elektirikiitiin tajaajila kennuudhaan gahee olaanaa taphachaa jiraachuu eeraniiru.
Bulchiinsi magaalattii lakkoofsa otoobisoota Veeloositii Geejjibaa filannoo jalqabaa geejjibaa magariisaa ta’e gara 500tti guddisuuf karoorfachuu isaa ibsaniiru.
Agarsiisa geejjibaa magariisaa kan ta’e Veeloosiitii lammiilee hedduuf carraa hojii akka uumees eeraniiru.
Dhaabbata Balaayinee Kindee Giruuppiitti Gorsaan Daldala Geejjibaa fi Hojii Gaggeessaan Waliigalaa Geejjibaa Gireet Gizaawuu Alamuu gama isaaniin akka himanitti, Giruuppiin Blaaynee Kindee qindeessa hojii fi tajaajila otobusii ni bulcha jedhani.
Haaluma kanaan, sirna dijitaalaa bobbii waliigalaa fi kenniinsa tajaajila otoobisoota hordofuu fi to’achuu dandeessisu hojiirra ooluun hojiitti galuu ibsani.
Sirna tikkeettii fi kaffaltii guutummaatti teeknooloojiin hojiirra ooluu eeraniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena