Tamsaasa Kallatti:

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 80 darbaniif mallattoo guddinaa fi fakkeenya boonsaa biyyaalessaa ta’ee itti fufeera

Bitootessa 30/2018 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 80 darbaniif mallattoo guddinaa, bu’aa fi fakkeenya boonsaa biyyaalessaa ta’uu hoji gaggeessaan olaanaa garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo ibsaniiru.

Daandiin xiyyaaraa kun qormaata bara baraan Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisu dhaabbata aviyeeshinii adda duree ta’uu isaa mirkaneessee akka jirus hubachiisaniiru.


 

Hojii gaggeessaan olaanaa Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo waggaa 80ffaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Hojii gaggeessaan kun daandiin xiyyaaraa kun balallii jalqabaa isaa Bitootessa 30, 1938 Ergasii as guddinni isaa wal irraa hin cinne ta’ee amma daandii xiyyaaraa guddaa ta’ee addunyaa guutuutti bakkeewwan 145tti balallii isa guddisuu ibasaniiru.

Daandiin xiyyaaraa kun xiyyaarota yeroo isaa ammayyaa ta’an fayyadamuun maamiltoota isaaf tajaajila olaanaa kennaa akka jiru, keessumaa gama ijaarsa dhaabbileetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessuu isaa hubachiisaniiru.

Amma xiyyaara mataa isaa irratti suphaa raawwachuuf dandeettii guutuu uumuun isaa guddina itti fufiinsa qabu dhaabbatichaaf bu’uurri guddaan akka kaa’ame kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Daandiin xiyyaaraa kun ogeessota aviyeeshinii oomishuuf Akkaadaamii Aviyeeshinii mataa isaa kan qabu yoo ta’u, Yuunivarsiitii Aviyeeshinii guddicha Afrikaa ijaaruun seenaa isaa keessatti milkaa’ina guddaa galmeessee jira jedhan.

Daandiin xiyyaaraa kun humna namaa gahumsa qabu kan mul’ata isaa raawwachuu danda’u oomishuuf akkasumas hojjettoota ciccimoo naamusa hojii qaban uumuu keessatti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Dandeettii tajaajila fe’umsaa guddisuu bira darbee bu’uuraalee misoomaa deeggarsaa hedduu ijaareera jedhan.

Misoomni bu’uuraalee misoomaa qindaahee fi hojmaatni maamila giddu galeessa godhate kunneen daandiin xiyyaaraa kun gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’ee akka turuu fi guddina itti fufiinsa qabu akka argatu taasiseera jedhan.

Daandiin xiyyaaraa kun xiyyaarota 150 kan qabu yoo ta’u, dhaqqabummaa fi qulqullina balallii isaa daran guddisuuf xiyyaarota haaraa 117 bitachuuf adeemsa irra jiraachuu himaniiru.

Waggoonni saddeettaman darban daandiin xiyyaaraa kanaaf yeroo of kennuu, hojii cimaa fi milkaa’ina itti argatan ta’uu ibsaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa qormaata mudate dandamachuun Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisu dhaabbata aviyeeshinii adda duree ta’uu isaa mirkaneessee akka jiru hubachiisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015