Naannoo Oromiyaatti dhiheessiiwwan bu’uuraa Ayyaana Faasikaaf oolan haala fooyya’an akka dhihaatan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti dhiheessiiwwan bu’uuraa Ayyaana Faasikaaf oolan haala fooyya’an akka dhihaatan hojjetamaa jira
Bitootessa 30/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti Ayyaana Faasikaa baranaa ilaalchisee meeshaaleen bu’uraa haala fooyya’aa ta’een gabaaf akka dhiyaataniif hojiin hordoffii fi to’annoo hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldala Oromiyaa beeksiseera.
Daarektarri Misooma Gabaa Biiroo Daldala Oromiyaa obbo Guutuu Tamasgeen ENAtti, akka himanitti, Ayyaana Faasikaa baranaatiif dhiyeessiin oomishaa gaariin akka jiraatuu fi Hawaasni gatii madaalawaan akka argatuuf qooda fudhattoota waliin karoorfamee hojjetamaa jira jedhani.
Naannichatti bakkeewwan oomishni itti baay’atuu fi haala gatii qorachuun, gara bakka hanqinni jiruutti akka dhaqqabuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojiiwwan bal’aan hojjetamuu dubbataniiru.
Keessattuu, kuduraa fi muduraa, beeylada, hanqaaquu fi lukkuun akkasumas oomishaaleen biroo bal’inaan kan dhiyaatan yoo ta’u, Zayitii fi Sukkaarri ammoo waldaalee fi Yuuniyeenotaan akka dhiyaatan taasifameera jedhaniiru.
Oomishaleen kunniin Naannichatti gabaawwan Dilbataa 775 jiran, akkasumas agarsiisaa fi Baazaariiwwan irratti dhiyaachaa jiraachuu kan eeran daarektarichi, keessattuu gabaan Dilbataa duraan guyyoota lama qofa ture Ayyaana kanaaf guyyoota 10 walitti fufaniif akka banamu taasifamuu himaniiru.
Oomishni bu’uraa Ayyaanaaf gahaan gabaarra jiraachuu kan ibsan obbo Guutuun, dhiyeessicha mijeessuu fi daballii gatii hin malle ittisuuf hojiin hordoffii fi to’annoo xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.