Tamsaasa Kallatti:

Sirni odeeffannoo gabaa hojii namoota hojii barbaadan warra qacaran waliin walitti fiduudhaan gahee guddaa taphachaa jira

Bitootessa 30/2018(ENA): Sirni odeeffannoo gabaa Itiyoophiyaa namoota hojii barbaaddota biyya keessaa fi biyya alaatti warra qacaran waliin walitti fiduun gahee guddaa taphachaa jiraachuu Deetaan Ministira Hojii fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ibsan.

Riifoormiin Dinagdee mandhaalee dandeettii Sirna dijiitaalaa babal’isuu bira darbee, teekinooloojii Faayinaansiin fayyadamuun filannoowwan hojii haarawaan akka uumaman gochaa jiraachuu ibsaniiru.

Sirni odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa, fedhii fi dhiyeessii humna namaa walitti fiduuf pilaatfoormii dijiitaalaa qophaa’edha.

Baay’ina namoota hojii barbaadanii fi bakka hojii banaa dameewwan garaagaraa keessa jiran jiddugala tokkotti walitti qabuun akkasumas, humna namaa odeeffannoo fi ogummaa ammayyaatiin ijaaruun gabaa Addunyaatiif qopheessuun kaayyoo Sirna Madaallii kanaa keessaa isaan ijoodha.

Ministir Deetaan Hojii fi Ogumaa obbo Salamoon Sookaa ENA’f akka ibsanitti, sirni odeeffannoo gabaa hojii Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaatti hojii barbaaddota qacartoota waliin walitti fiduudhaan bu’aa guddaa fidaa jira jedhani.

Sirni kun hojiitti erga galee waggoota afur darbuusaa ibsuun, kanaanis lammiileen Miiliyoona 1.2 ta’an biyya alaatti hojiitti akka bobba’an beeksisaniiru.

Biyya keessatti immoo, dargaggoonni hojii barbaadan digirii jalqabaa qaban kuma 45 ta’an sirna kanaan qacaramuu akka danda’an haala mijeessuun eerameera.

Akka ibsa Ministeer Deetichatti, riifoormiin dinagdee mandhaaleen dandeettii sirna dijiitaalaa bal’isuu bira darbee, teeknoolojii faayinaansii fayyadamuun carraaleen hojii haaraa akka uumaman gargaareera jedhani.

Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 keessatti pilaatfoormii dijiitaalaa fayyadamuun lammiilee hedduuf carraan hojii uumamuusaa kaasuun,kana immoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 keessatti guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Walumaagalatti, sirni odeeffannoo gabaa hojii kun biyya alaatti carraalee hojii fagoo fi hojii dabalataa (freelance), akkasumas biyya keessatti carraaleen hojii teeknoolojiin deeggaraman akka babal’atan taasisaa jiraachuusaa hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015