Tamsaasa Kallatti:

Filannoon lammiileen biyya isaanii keessatti ijaarsa aadaa dimokiraatawaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan kan taasisu kabaja ibsituu lammummaati – Gootota Abbootii fi haadholii

Bitootessa 30/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa mul’ata kabaja lammummaa lammiileen ijaarsa aadaa dimokiraatawaa biyya isaanii keessatti dammaqinaan akka itti hirmaatan kan taasisu ta’uu Abbootii fi Haadholiin goototaa ibsaniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa Guraandhala 28, 2018 hanga Bitootessa 28/2018tti galmee filattotaa gaggeessaa tureera.

Kana malees, boordichi guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Eebila 14, 2018tti galmee filattotaa dheeresseera.

Filannoo waliigalaa torbaffaa gaggeeffameen paartileen siyaasaa dorgoman 47 kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaa ummataaf dhiheessaa jiru.

Miseensonni Waldaa Goototaa Itiyoophiyaa duraanii ENAtti himan, Filannoon waltajjii waloo lammiileen aadaa dimokraatawaa Itiyoophiyaa ijaaruun jaalalaa fi kabaja biyya isaaniif qaban itti ibsatanidha jedhani.

 

Baa
shaa Shimallis Walda-Takilee, filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa irratti kaardii sagalee isaanii itti kennan fudhachuu himaniiru.

Koloneel Ayyaaloo Balaay gama isaaniin, Filannoon mul’ata lammummaa fi dhimma mirga filachuu fi filatamuu heera mootummaatiin mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Filannoon waliigalaa biyyoolessaa meeshaalee aadaa dimokraatawaa biyyattii ijaaruuf gargaaran keessaa tokko ta’uu kan ibsan Koloneel Ayyaaloo, aadaa dimokraatawaa biyyattii cimsuu keessatti hirmaannaan filannoo iddoo guddaa akka qabu hubachiisaniiru.


 

Goota duraanii keessaa tokko kan ta’an Almaaz Anbarbar gama isaaniitiin, filannoon misoomaa fi guddina biyyattii itti fufsiisuuf waltajjii waloo lammiileen ifatti akka hirmaatan ta’uu ibsaniiru.

Lammiin umuriin isaanii filachuuf gahe kamiyyuu kaardii sagalee kennuudhaan kabaja biyya isaaf qabu agarsiisuu akka qabu dubbataniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015