Dr. Abiyyi Ahimad muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressan - ENA Afaan Oromoo
Dr. Abiyyi Ahimad muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressan
Bitootessa 30/2018 (ENA) : Dr. Abiyyi Ahimad Eebila 1, 2018 irraa eegaluun muudama Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru.
Waajjirri Ministira Muummee gama miidiyaa hawaasummaa isaan dabarseen, bu’uura heera mootummaa RDFI keeyyata 62(9) fi labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14 keeyyata xiqqaa 2(B)’n Bulchiinsa Yeroo Tigiraay Pirezidaantummaan akka gaggeessaniif danbii lakkoofsa 479/2013 keeyyata 4(2) Mana Maree Ministirootaan ragga’eefi gabaasa raawwii waggaa dhiyeessaniin Ministirri Muummee RDFI Dr. Abiyyi Ahimad Eebila 1, 2018 irraa eegalee muudama Leetenaal Jeneraal Taaddasaa Warradee waggaa tokkoof dheeressaniiru.
#PMOEthiopia