Tamsaasa Kallatti:

Hojiilee Riifoormii dhaabbilee nageenyaan dandeettiin dhaabbilee Poolisii gara Sadarakaa haaraatti ce’eera - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el

Bitootessa 29/2018(ENA): Hojiilee Riifoormii dhaabbilee nageenyaa waggoottan darban hojjetamaniin dandeettii dhaabbatummaa Poolisii gara boqonnaa haaraatti ceesisuusaanii Komishinaarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.

Yaa’iin Komishinaroota Poolisii Federaalaa fi Naannolee 20ffaan mata-duree "Tokkummaa Poolisummaa Nageenya ittifufinsa qabuuf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.


 

Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Itti-Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xuruunaa, akkasumas komishinaroonni poolisii Federaalaa fi Naannolee argamaniiru.

Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el wayita sana akka himanitti, hojiileen riifoormii waggoottan darban keessa raawwataman dandeettii dhaabbatummaa poolisii gara boqonnaa haaraatti ceesisaniiru jedhani.


Komishinaar Jeneraalichi akka ibsanitti, erga riifoormiin dhaabbilee nageenyaa jalqabamee as, poolisiin gama humna namaa, leenjii fi loojistiikiitiin jijjiirama guddaa galmeessiseera jedhani.

Poolisiin kanaan dura walitti dhufeenyi inni teknooloojii waliin qabu gad-aanaa akka ture eeruun, wayita ammaa garuu teknooloojiiwwan ittisaa fi qorannoo yakkaa ammayyaa Afrikaatti dursa ta’anii fi sadarkaa Addunyaatti akka fakkaanyaatti kan fudhataman ta’uu danda'eera jedhan.

Hoggansa Jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin Poolisiin Itiyoophiyaa Doktiriinii akka qabaatu taasifameera jedhani.


 

Poolisiin biyyattii yaada waliigalaa,qajeelfama walfakkaatuu fi mul’ata tarsiimo’aa akka qabaatu taasifameera.

Qophii poolisiin filannoon waliigalaa 7ffaan nagaadhaan akka xumuramuuf itti-gaafatamummaa isaa bahachuuf qabu waltajjii kanaan akka madaalamuus akeekaniiru.

Komishinar Jeneraal Damallaash itti dabaluun akka jedhanitti, shororkeessitootnii fi finxaaleyyiin diinota alaa waliin qindaa’uun balaa biyya irratti aggaaman fashaleessuuf, Poolisiin Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Dhaabbilee Nageenyaa waliin qindoominaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Tarkaanfii Mootummaan jijjiiramaatiin humni poolisii meeshaa ammayyaa, loojistiikii fi teknooloojiidhaan akka ijaaramuuf deeggarsa olaanaa taasiseef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015