Erga jijjiiramni kun dhufee as dhaabbileen poolisii nageenya biyyaa fi nagaa ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Erga jijjiiramni kun dhufee as dhaabbileen poolisii nageenya biyyaa fi nagaa ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru - Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Bitootessa 29/2018 (ENA): Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa erga jijjiiramni dhufee as dhaabbileen poolisii tokkummaa isaanii cimsuu fi nageenya biyyaa fi nageenya ummataa eeguu keessatti gahee boonsaa ba’aniiru jedhan.
Yaa’iin Komishinarota Poolisii Itiyoophiyaa 20ffaan mata duree “Tokkummaa Poolisummaa Nageenya Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun magaalaa Finfinneetti eegalameera.
Waltajjicha irratti argamuun haasaa kan taasisan obbo Tamsgeen Xurunaa akka jedhanitti, galmi guddaan riifoormii damee poolisii bara 2010 irraa eegalee gaggeeffamaa ture dhaabbata cimaa ijaaruu fi ogeessota gahumsa qaban teeknooloojiin deeggaraman oomishuudha.
Mootummaan Ida’amuu Poolisiin Itiyoophiyaa tajaajila kennu keessatti amanamaa ta’uu qaba jedhee akka amanu hubachiisaniiru.
Poolisiin yakkamtoota ergama diinaa fudhatan adamsee seeratti dhiyeessuun sochii siyaasaa fi diinagdee biyyattii gufuu tokko malee itti fufsiisuu danda’uu isaa eeruun milkaa’ina hundee haaromsa kanaa ta’uu eeraniiru.
Kanaafis gaheen hoggansa poolisii fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa bakka hin bu’u jedhaniiru.
Poolisiin ergama biyyaalessaa hedduu raawwachuu akka qabuu fi filannoo waliigalaa 7ffaa baatii Caamsaa dhufuuf xiyyeeffannoo addaa kennuu akka qabu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena