Tamsaasa Kallatti:

Imala Jijjiirama keenyaa yeroo kabajnu milkaa’inoota galmeessine ittifufsiisuuni dha

Bitootessa 29/2018(ENA) : Imala waggoota jijjiiramaa yommuu kabajnu milkaa'ina galmeessine itti fufsiisuun ta'uu qaba jedhan Itti Aanaan Bulchaa Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Doktar Ababaayyoo Taaddasaa.

Hiriirri Deeggarsa Uummataa Mootummaa jijjiiramaa deeggaru Magaalaa Diillaatti mata duree "Firiiwwan Bitootessaa Badhaadhina Itiyoophiyaatiif" jedhuun gaggeeffameera.

Itti-Aanaan Bulchaa Naannichaa Doktar Ababaayyoo Taaddasaa saganticharratti akka ibsanitti, waggoota jijjiiramaa keessatti Naannichatti guddinni misoomaa olaanaan galmaa’eera jedhani.

Kanaafis hojiirra oolmaan imaammata dinagdee man-dhaalee fi xiyyeeffannoon misooma nama irratti xiyyeeffatuuf kenname gahee mataa isaa akka qabu eeraniiru.

Magaalotatti Misooma Kooriidarii dabalatee babal’ina bu’uuraalee misoomaa akkasumas, baadiyyaatti dameewwan Qonnaa fi Albuudaan jijjiiramni guddaan argamuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.


 

Namoonni hiriira kanarratti hiramaatan akka yaada kennanitti, Mootummaan jijjiiramaa yeroo biyyi rakkoo keessa turtetti gara aangootti dhufuun Itiyoophiyaa kan ceesise ta’uusaa eeruun, deeggarsasaaniin mirkaneesuuf hiriira deeggarsaarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015