Tamsaasa Kallatti:

Manni Marichaa Labsii Tajaajilaa fi Bulchiinsa Ekisteenshinii Qonnaa qooda fudhattootaa fooyya’e mirkaneesse

Bitootessa 29/2018(ENA) :Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii tajaajilaa fi Bulchiinsa Ekisteenshinii Qonnaa qooda fudhattoota hedduu fooyya’e sagalee guutuun mirkaneesse.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaa waggaa 5ffaa bara hojii isaa, wal-ga’ii Idilee 14ffaa har’a gaggeesseera.

Manni Marichaa qaboo yaa’ii walga’ii idilee 13ffaa waggaa 5ffaa fi labsii tajaajila fi Eksiteenshinii Qonnaa qooda fudhattootaa fooyya’ee bahe ,yaada murtii Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa irraa dhiyaate bu’uura godhachuun erga qorateen booda mirkaneesseera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti, Walitti-qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa obbo Salamoon Laalee, gabaasaa fi yaada murtii wayita dhiyeessan akka ibsanitti; Itiyoophiyaan damee Qonnaatiif xiyyeeffannoo guddaa kennitee hojjechaa jirti jedhani.

Dhaqqabamummaa Tajaajila Ekisteenshinii Qonnaa babal’isuuf, akkasumas Oomishaa fi Omishtummaa guddisuuf labsiin kun qophaa’uusaa ibsaniiru.

Labsiichi Teekinooloojii Qonnaa beeksisuu fi hojiirra oolchuu akkasumas daldala Qonnaa babal’isuuf murteessaa ta’uusaa dubbataniiru.

Gama biraan, Manni Marichaa Wixinee Labsii Bilisummaa Odeeffannoo fi Wixinee Labsii Mana Murtii Shari’aa Federaalaa irratti mari’achuun koreewwan dhaabbii dhimmi ilaallatuuf qajeelcheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015