Fooyyessi diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa hunda galeessa taasifte marsaa misoomaa haaraa baneera - ENA Afaan Oromoo
Fooyyessi diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa hunda galeessa taasifte marsaa misoomaa haaraa baneera
Bitootessa 29/2018 (ENA): Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa hunda galeessa hojiirra oolchite marsaa misoomaa haaraa baneera jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi.
Ministeerri Maallaqaa gabaasa bal’aa baaseen bu’a qabeessummaa riifoormii dinagdee Gooroo fi caasaa bal’aa ji’oota 18 darban keessatti raawwatame ifa gaodheera.
Akka gabaasa kanaatti, tarkaanfiiwwan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf fudhataman bu’aa agarsiisaa akka jiran kan hubatame yoo ta’u, galii al-ergii dabaluu fi gama birootiin bu’aan abdachiisaa galmaa’uu ibsameera.
Gabaasni kun Garee Bulchiinsa Diinagdeetiin of danda’ee kan qophaa’e ta’uu ibsuun, yeroo ammaa dhaabbilee keessatti ogeeyyiin ciccimoon uumamuu isaanii ibsaniiru.
Dhaabbileen mootummaa yeroo ammaa walabummaa imaammataa qabaachuun isaanii milkaa’ina haaromsaa kanaaf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa guddina olaanaa galmeessisuun sirna faayinaansii sirrii ta’uu isaa mirkaneessuuf tattaaffii guddaa taasisaa akka jiru hubachiisuun, baankichi gatii tasgabbeessuu fi qulqullina damee faayinaansii eeguuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabaasni kun bu’aawwaan hanga ammaatti galmaa’an bal’inaan ibsuu qofa osoo hin taane, gara fuulduraatti hojiiwwan hojjetamuu qaban bal’inaan kan ibsu ta’uu hubachiisaniiru.
Damee omishaa dadammaksuu fi dinagdee biyyaalessaaf gumaacha akka taasisu xiyyeeffannoon kennamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Riifoormiin biyya keessaa bu’aa argamsiisaa akka jiru ibsuun, gabaasni kun haaromsa dinagdee Gooroo Itiyoophiyaaf kallattii sirrii ta’e kan agarsiisu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena