Ambaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgis abshaalummaa hoggansa Dippiloomaasii isaaniitiin yeroo mara ni yaadatamu- Pireesidaanti Taayyee Asqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Ambaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgis abshaalummaa hoggansa Dippiloomaasii isaaniitiin yeroo mara ni yaadatamu- Pireesidaanti Taayyee Asqasillaasee
Bitootessa 29/2018 (ENA): Pireesidaanti Taayyee Asqasillaaseen du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgis ilaachisuun gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Amaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgis abshaalummaa hoggansa dippiloomaasiin Itiyoophiyaafi Afrikaaf buusan yeroo mara ni yaadatamu jedhaniiru.
Ambaasaaddar Qoonjiit ijoollummaa hanga ga'eessummaatti dippilomaatii ta'uun Itiyoophiyaa kan tajaajilan yoo ta'u, ciminni isaan qaban yoomiyyuu kan dagatamu miti jedhaniiru.
Pireesidaati Taayyee Asqasillaaseen maatii, waahillan hojii isaanii fi lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf jajjabina hawwaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena