Tamsaasa Kallatti:

Waggoota Jijjiiramaa keessatti milkaa’inoonni lammiilee fayyadamoo taasisan galmaa’aniiru

Bitootessa 29/2018(ENA) : Waggoota jijjiiramaa keessatti dameelee hundaan milkaa'inoonni lammiilee fi biyya fayyadamoo taasisan galmeeffamuusaanii Ittiwaamama olaanaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Gabramasqal Caalaa beeksisan.

Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa sababeeffachuun, hiriirri deeggarsaa guyyaa har’aa milkaa'ina argameef beekamtii kennuuf Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Magaalaa Walayittaa Soddootti gaggeeffameera.

Saganticharratti argamuun ergaa kan dabarsan obbo Gabramasqal Caalaa, waggoota jijjiiramaa darban keessatti dameelee hundaan milkaa'inni lammiilee fi biyya fayyadamoo taasisan galmeeffamuusaanii ibsaniiru.

Bitootessi 24 Seenaa biyya keenyaa keessatti guyyaa jijjiiramni siyaasaa itti taasifamee fi ilaalchi haaraan itti dhugoome ta'uu himaniiru.

Waggaa 8ffaa Mootummaa jijjiiramaa yommuu kabajnu, milkaa'ina dameelee Dinagdee, Siyaasaa fi Hawaasummaan galmeeffaman itti fufsiisuun ta'uu akka qabus dubbataniiru.

Mootummaan jijjiiramaa dirree siyaasaa hirmaachisaa ta'e uumuun, haasaa walitti qabaa ijaaruurratti xiyyeeffannoon hojjechaa turuusaas akeekaniiru.

Injifannoon Bitootessa 24 dhalootaaf seenaa, biyyaaf immoo guyyaa abdii haaraa uumedha kan jedhan ammoo Bulchaa Zoonii Walayittaa Gargaaraa Piroofeesaraa Saamu'eel Tasammaati.

Bitootessi 24 hundee ijaarsa sirna siyaasaa hirmaachisaa fi saba-daneessaa ta'eef bu'uura kan kaa'e ta'uu eeranii, damee hundaan bu'aan galmeeffame fayyadamummaa lammiilee hunda kan mirkaneessudha jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Walayitta Sooddoo Aadde Itaagany Haayilamaariyaam gamasaaniin, Bitootessi 24 mootummaa biyya diigumsa irraa oolchuun imalli jijjiiramaa akka itti fufu kan taasisedha jedhaniiru.

Magaalaan Wolayitta Sooddoos tajaajila kanaan fayyadamtuu waan taateef, ijaarsi daandii Aspaaltii, misooma kooriidarii fi hojiiwwan misoomaa biroon hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalichatti hojiiwwan fakkeenya jijjiiramaa ta'an jalqabaman itti fufsiisuuf Bulchiinsi Magaalichaa jiraattota waliin qindoominaan akka hojjetu dubbachuun, uummataanis deeggarsa isaa akka cimsatu gaafataniiru.

Hiriira kanarratti Hoggantoonni Mootummaa Naannoo, Zoonii, Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaa, Hojjettoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa biroon hirmaataniir

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015