Tamsaasa Kallatti:

Filannoo walii galaan hojiileen hirmaannaa dubartootaa guddisan hojjetamaa jiru

Bitootessa 29/2018(ENA) : Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiilee dandeessisan raawwachaa akka jiran dhaabbileen siivikii ENA’f yaada kennan beeksisan.

Ittaantuun Pirezidaantii Federeeshinii Dubartoota Itiyoophiyaa Injiinar Tigisti Tarrafaa akka jedhanitti, Federeeshinichi milkaa’ina filannoo waliigalaa baranaatiif gaheesaa ba’achaa jira.

Keessattuu dubartoonni filannicharratti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif hojiin hubannoo uumuu bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dubartoonni kallattii biyyaa gara fuulduraa murteessuuf shoora olaanaa qaban akka itti fayyadamaniif hojjetamuu eeraniiru.

Rakkoolee hirmaannaa Siyaasaa Dubartootaa duubatti harkisan hiikuufis hojii qindoominaatiif xiyyeeffannoon kennamuusaa ibsaniiru.

Filannicha Milkaa’inaan xumuramuun nageenya biyyaa fi aadaa dimookiraasii gabbisuuf shoora murteessaa waan qabuuf, Federeeshinichi hojiirra oolmaa isaatiif cimsee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Gama biraatiin, Hojii Gaggeessituun Federeeshinii Dubartoota Finfinnee Aadde Itsagannat Mulugeetaa, filannoon waliigalaa 7ffaan haqa-qabeessa, dimookiraatawaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf dubartoonni dammaqinaan akka hirmaatan hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Dubartoonni filannicharratti akka filataa, filatamaa fi taajjabdummaatti akka hirmaataniif hojiin hubannoo uumuu raawwatamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Hoggantuun Federeeshinii Waldaalee Qaama Miidhamtoota Oromiyaa Aadde Jamiilaa Abdallaa gama isaaniin, qaama miidhamtoonni naannichatti argaman filannicha keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Qaama miidhamtoonni paartii siyaasaa guddina fi nageenya biyyaatiif imaammata fooyya’aa qabu akka filataniif kan filatan ta’uu eeraniiru.

Keessattuu dubartoonni qaama miidhamtoota ta’an akka filataa, kaadhimamaa fi taajjabdummaatti hirmaachuun dirqama lammummaasaanii akka ba’ataniif haalli mijataan uumamuusaa dinqisiifataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015