Tamsaasa Kallatti:

Ambaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgis Addunyaa kanarraa du’aan boqotan

Bitootessa 29/ 2018 (ENA) : Ambaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgis Addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Ambaasaaddar Qoonjit dhibee isaan mudateen wal’aanamaa turaniiru.

Ambaasaaddar Qoonjiit Ministeera Dhimma Alaatti bara 1950moota irraa eegalee sadarkaa oofiisarummaa irraa hanga hoggansa olaanaatti tajaajilaniiru.

Ambaasaaddar Qoonjiit miisiyooniiwwan Itiyoophiyaa Ootowaa, Kaayiroo, Teel Aviiv fi Veeyinaatti argamanitti Ambaasaaddara Guutuu ta’uun tajaajilanii kan turan yoo ta'u, Gamtaa Afrikaafi Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Diinagdee Afrikaattis Ergamaa Dhaabbii ta’uun hojjetaniiru.

Waxabajjii 2009 hanga Fulbaana 2011’tti immoo waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa IGAD’n hogganame irratti gorsituu addaa ta’uun tajaajiluu ragaan Ministeera Dhimma Alaa ni mul’isa.

Ministeerichi, du’aan boqochuu Ambaasaaddar Qoonjiit Sinagiyoorgisitti gaddi itti dhagahamuu ibsuun maatiifi firoottaniif jajjabina hawweera.

Sagantaa awwaalchaa ilaachisuun gara fuula duraatti aka ibsu Miniteerichi beeksiseera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015