Tamsaasa Kallatti:

Paartii Siyaasaa Imaammata Fayyadamummaa Dargaggootaa mirkaneessuu qabu filachuuf qophoofneerra – Dargaggoota Magaalaa Jimmaa

Bitootessa 29/2018(ENA): Paartii Siyaasaa Imaammata Fayyadamummaa Dargaggootaa mirkaneessuu qabu filachuuf qophaa’uusaanii dargaggoonni Magaalaa Jimmaa dubbatan.

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa filannoon waliigalaa 7ffaan guutuu biyyattiitti Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Boordichi sagantaa kaardii filannoo fudhachuu duraan baase hanga Eebila 14 bara 2018tti dheeressuunsaas ni yaadatama.

Dargaggoonni Magaalaa Jimmaas mirga filachuu isaaniitti fayyadamuun, paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii ibsaniiru.

Filannoo kanaan carraa biyya isaanii sagalee isaaniitiin murteessuuf kaardii filattummaa fudhachuusaanii dubbataniiru.

Dargaggoonni kunneen yeroo jalqabaatiif kaardii filannoo fudhatanii filannoof qophaa'uunsaanii miira addaa akka itti uume dubbataniiru.

Warreen yaada kanneen keessaa shamarree Diibooraa Taayyee, yeroo jalqabaatiif filachuuf kaardii fudhachuushee ibsuun, barbaachisummaa filannoo hubachuun akka galmoofte ibsiteetti.

Carraa biyya koo murteessuuf sagaleen koos gatii qaba kan jettu shamarreen kuni, "Paartiin Itiyoophiyaaf fayyadu gara aangootti akka dhufuuf dargaggoonni hundi sagalee isaanii kennuu qabu" jechuun gorsiteetti.

Dargaggeessi biraan Abdulbaasiix Raayyaa, yeroo jalqabaatiif kaardii filannoo fudhachuusaan gammachuu addaa akka itti uume dubbateera.

Itti dabaluunis Abdulbaasiix, Kaardii filannoo fudhateen qaama fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessu filachuuf murteessuusaa ibseera.

“Kaardii fudhachuun carraa ofii murteessuuf faayidaan inni qabu guddaadha” kan jedhu ammoo dargaggoo Maatiwoos Garashuu dha.

Filannoo waliigalaa kanaan Paartii Siyaasaa dargaggootaaf carraa hojii bal'aa mijeessuu fi fudhatama Itiyoophiyaan sadarkaa Idil-Addunyaatti qabdu kan ol kaasu filachuuf qophaa'uusaa ibseera.

Shamarree Ijjigaayyoo Asfaawuu gama isheetiin, filannoo waliigalaa kanaan dubartoonnii fi dargaggoonni carraa barnootaa akka argatan paartii hojjetu filachuuf kaardii fudhachuu ishee ibsiteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015