Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalota adda addaa keessatti Hiriirri deeggarsaa waggaa 8ffaa jijjiirama biyyaalessaa sababeeffachuun gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalota adda addaa keessatti Hiriirri deeggarsaa waggaa 8ffaa jijjiirama biyyaalessaa sababeeffachuun gaggeeffamaa jira
Bitootessa 29/2018 (ENA): Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalota adda addaa keessatti Hiriirri deeggarsaa waggaa 8ffaa jijjiirama biyyaalessaa sababeeffachuun gaggeeffamaa jira.
Jijjiiramni biyyaalessaa Bitootessi 24, 2010 erga dhufee waggoota saddeet darban keessatti bu’aawwan dinqisiisoo guutuu biyyattiitti galmaa’e yaadachuu fi beekamtii kennuuf kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Hiriirtonni ganama irraa eegalee magaalota naannichaa Walaayittaa Sooddoo, Arbaamincii fi kanneen biroo keessatti bahanii jiran ergaawwan akka “Ijaarsa waloof abdii Itiyoophiyaa keenyaaf”, “Gootummaa keenya itti aanuuf birmadummaa diinagdee keenyaaf”, “Itiyoophiyaa gara fakkeenyummaatti”.
Dabalataanis ergaawwan akka "Afaan qawween aangoo qabachuu yaaduun yeroon isaa irra darbeera," "Kaayyoo waloo keenya, eenyummaa Afrikaa keenyaa," "Nageenyi keenya harka keenya jira" kanneen jedhamanii fi kanneen biroo keessatti argamu.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena