Tamsaasa Kallatti:

Finfinneetti Ayyaana Faasikaa dhufuuf omishaaleen nyaataa gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiru.

Bitootessa 28/2018(ENA): Magaalichatti Ayyaana Faasikaa dhufuuf meeshaaleen bu'uuraa gahaan gatii madaalawaan dhiyaachaa jiraachuu Hoggantuun Biiroo Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Habiibaa Siraaj ibsan.

Hoggantuun Biirichaa Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hojiiwwan gabaa tasgabbeesuuf raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Ayyaanicha sababeeffachuun daballii gatii hin malle meeshaalee bu’uuraa irratti akka hin uumamne ittisuuf dhiyeesiin gahaan jiraachuu himani.

Naannoolee adda addaa waliin qindoomuun omishaaleen Qonnaa fi warshaa qulqullinaa fi baay’inaan gara Magaalaatti akka galan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Magaalattii keessatti Giddugaloota Gabaa ja'a, Gabaa Sanbataa 146, waldaalee hojii shamaattootaa fi dhaabbata daldalaa keessatti oomishni gahaan gatii madaalawaan uummataaf dhiyaachaa akka jiru ibsaniiru.

Keessattu lammiilee galii gadi aanaa qaban giddugaleessa kan taasifate dhiyeessiin xaafii,qullubbii,zayitaa, meeshaaleen warshaa fi oomishaaleen qonnaa dhiyaataniiru.

Akkasumas, Kutaalee Magaalichaa kudha tokko keessatti har'a waaree boodaa eegalee Baazaariin omishaaleen gabaaf dhiyaatan akka banamu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015