Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Qonna ammayyeessuun hojiiwwan hojjetamaniin oomishaa fi omishtummaan guddachaa dhufeera - Bulchaa Ashaadilii Hasan

Bitootessa 28/2018(ENA): Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti Qonna ammayyeessuun hojii hojjetameen Omishaa fi omishtummaan guddachaa dhufuu Bulchaan Naannichaa obbo Ashaadilii Hasan himani.

Yaa’iin 10ffaa kawunsilii Hariiroo qaamolee qooda fudhattootaa misooma Qonnaa Naannawaa raawwii omisha Qonna Gannaa bara 2017/18 fi karoorra oomisha Gannaa bara 2018/19 irratti xiyyeeffate Magaalaa Asosaatti geggeeffameera.


Bulchaan Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Ashaadilii Hasan waltajjicharratti akka dubbatanitti, Naannichatti damee qonnaa ammayyeessuun jijjiiramni galmaa'aa jiru wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu bira darbee dandeettii dinagdeesaa guddiseera jedhani.

Teknooloojiiwwan qonnaa haaraa fayyadamuun hojiin qonnaa hojjetamaa jiru oyiruuwwan bal'aan sanyiin uwwisuu bira darbee oomishtummaan akka dabalu gochuu isaas himaniiru.


Naannichatti sagantaa hojiiwwan jajjabeessoo Maaddi Guutuun, Ashaaraa Magariisaa, Ruuzii, Qamadii fi Misooma Sululaa irratti hojjetamaa jiran cimsuun fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Mootummaan damee Qonnaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuun ijaarsi Jallisii fi pirojektoota damee kana guddisan hojjete bu'a qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru.


Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz Obbo Baabaakir Haliifaa gamasaaniitiin, oomisha Gannaa bara 2017/18 keessatti midhaan oomishni Kuntaala Miiliyoona 55 walitti qabamuu beeksisaniiru.

Karoora oomisha Gannaa bara 2018/19 keessatti Naannichatti lafa hektaara miiliyoona 2 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 70 ol argachuuf karoorfamuu hogganichi ibsaniiru.

Waltajjicharratti Hoggantoonni Olaanoo Naannichaa,Hoggantoonni damee sanaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015