Tamsaasa Kallatti:

Waggoonni jijjiiramaa Dameelee Hundaan Milka’inoonni gurguddoon kan itti galmaa’anidha – Bulchaa Doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo

Bitootessa 28/2018(ENA): Waggoonni jijjiiramaa dameelee hundaan milkaa'inni gurguddoon kan itti galmaa'an ta'uu Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo ibsan.

Waggaa 8ffaa Guyyaa jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa itti dhufe sababeeffachuun,Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsaa uummataa gaggeeffameera.

Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Bulchaan Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Waageeshoo, Bitootessi 24 bara 2010 guyyaa bu'uurri dimookiraasii itti kaa'amee fi yaadni ‘Ida'amuu’ kan itti bu’uureffame guyyaa seena qabeessa ta'uu ibsaniiru.

Adeemsa jijjiiramaa qormaatileen adda addaa kan qunnaman ta'us, rakkoolee gara carraatti jijjiiruun dameelee hundaan milkaa'ina gurguddoon galmaa'uu dubbataniiru.

Kanaanis dameelee dinagdee hedduumminaa garaagaraa gaggeessuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuun kan itti danda'ame ta’uu ibsaniiru.

Magaalotattis ta'e baadiyyaa keessatti gaaffiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf turan sadarkaan deebii kennuun, guddinaa fi bayyanachuun akka dhugoomu waggoota jijjiiramaan milkaa’inoota bu'a-qabeessa irratti hojjetaman ta'uu kaasaniiru.

Bulchaan Olaanaa Godina Kafaa Obbo Indaashaaw Kabbadaa gama isaaniin, waggoota jijjiiramaa keessatti akka biyyaatti Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa dabalatee pirojektoota gurguddoo biroo xumuruu fi kanneen biroo calqabsiisuun abdii biyyaalessaa guddaan kan itti qabatame ta'uu ibsaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Boongaa Doktar Takla'aab Buuloo milkaa'inni damee hundaan galmaa'e deeggarsa cimaa uummataatiin kan argame ta'uu eeruun, kunis cimee akka itti fufuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Hiriira deeggarsaa kana irratti jiraattonni magaalattii fi kutaaleen hawaasaa aanaalee Godinichaa garaagaraarraa dhufan hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015