Itiyoophiyaan michummaa Kuwaataar waliin qabdu daran guddisuuf kutannoon ni hojjetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan michummaa Kuwaataar waliin qabdu daran guddisuuf kutannoon ni hojjetti
Bitootessa 28/2018 (ENA): Itiyoophiyaan hariiroo seenaa fi tarsiimoo Kuwaataar waliin qabdu daran cimsuuf kutannoon ni hojjetti jedhan sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti gaafatamaa Giddugala Qindeessaa ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa Pireesidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraah har’a Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Mootummaa Kuwaataar Sa’ad Mubaarak Al-Naayimii waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Mariin kun dhimmoota hariiroo seenaa fi tarsiimoo biyyoota lamaanii daran cimsuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Hoggantoonni lamaan turtii isaanii keessatti hojii misoomaa babal’ina invastimantii fi fayyadamummaa waliinii hojjetamaa jiru irratti bal’inaan mari’ataniiru.
Keessattuu walitti dhufeenya Mana Maree Kuwaataar (Shuraa) fi Paartii Badhaadhinaa fi Mana Federeeshinii gidduu jiru haala itti cimsuu danda’u irratti waliigaltee irra ga’aniiru.
Obbo Adam Faaraah Pirojektoota misoomaa kallattii hedduun Itiyoophiyaatti hoggansa Paartii Badhaadhinaatiin hojjetamaa jiranii fi bu’aa galmaa’aa jiru Ambaasaaddarichaaf ibsaniiru.
Keessattuu badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessatti jijjiirraa biyyoolessaa hordofuun sagantaaleen misooma koridaraa, oomishtummaa qonnaa fi Ashaaraa Magariisaa hojiirra oolaa jiran olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Ambaasaaddar Sa’ad Mubaarak Al-Naayimii gamasaaniitiin, bu’aan Itiyoophiyaa keessatti dameewwan misoomaa adda addaa keessatti galmaa’aa jiru gaarii ta’uu eeruun, keessattuu, haaromsa dinagdee Gooroo guutuu biyyattiin hojiirra oolchite hordofuun haalli invastimantii tilmaamamuu danda’u, iftoominaa fi mijataa ta’e uumamuu dubbatani.
Ambaasaaddarichi daawwannaa naannoolee biyyattii adda addaatti taasisaniin hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisuu akka arganis ibsaniiru.
Kana malees, Filannoon waliigalaa 7ffaan baatii Caamsaa keessa gaggeeffamu nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’uuf Paartiin Badhaadhinaa ciminaan hojjechaa akka jiru Ambaasaaddaricha beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan invastimantii bal’aa fi hariiroo ummataa uumuuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
Obbo Adam Faaraah deeggarsa mootummaan Kuwaataar dameelee adda addaatiin Itiyoophiyaaf taasisaa tureef galata guddaa qaban ibsuun, Itiyoophiyaan michummaa Kuwaataar waliin qabdu daran guddisuuf fayadamummaa ummatoota biyyoota lamaanii fi tasgabbii naannoof akka cimsitu kutannoon akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena