Tamsaasa Kallatti:

Bu’aawwan Misoomaa hooggansa Ida’amuun naannichatti galmaa’an cimanii itti fufu

Bitootessa 28/ 2018 (ENA): Bu’aawwan misoomaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa hooggansa Ida’amuun galmaa’an cimanii itti fufu jedhani itti waamamaan olaanaa mootummaa naannichaa obbo Fiqiree Amaan.

Hiriirri ummataa waggaa saddeettaffaa jijjirama biyyaalessaa deeggaru magaalaa Miizaan Amaan keessatti kan geggeeffame yoo ta’u, hoggantoonni olaanoo naannichaa, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi jiraattonni magaalichaa saganticha irratti argamaniiru.


 

Hiriira kanarratti haasawa kan kennan obbo Fiqiruu Amaan akka ibsanitti, erga Mootummaan Naannoo Ummata Kibba Lixaa Itiyoophiyaa hambaa jijjiirama kanaa ta’e hundeeffamee kaasee jijjiiramni siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee hedduun naannicha keessatti mul’ateera jedhani.

Pirojektoota yaad-rimee Mootummaa Ida’amuu jalatti hojjetamaa jiran cimsuun fayyadamummaa ummataa daran guddisuuf ciminaan kan hojjetan ta’uu akeekaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015