Tamsaasa Kallatti:

Filannoo Waliigalaan Paartii Siyaasaa Biyyaaf Fayyadu Filachuuf Kaardii Filannoo fudhanneerra

Bitootessa 28/2018(ENA) :Filannoo waliigalaa 7ffaan Paartii Siyaasaa yaada biyya ceessisu qabu filachuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii jiraattonni Magaalaa Amboo ibsan.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon waliigalaa 7ffaan guutuu biyyaatti Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Boordichi sagantaa yeroo kaardii filannoo fudhachuu duraan baase hanga Eebila 14 bara 2018tti dheeressuun isaas ni yaadatama.

Jiraattonni Magaalaa Amboo ENA’f yaada kennan akka ibsanitti,mirga dimookiraasii isaaniitti fayyadamuun, itti fufiinsa nageenyaa fi misooma biyyaatiif Paartii Siyaasaa yaada fooyya’aa qabu filachuuf kaardii fudhachuu isaanii fi falmiiwwan Paartiilee karaa adda addaa gaggeeffamaa jiran hordofaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiraattota ENA’n dubbise keessaa aadde Olaantuu Baantii filannicha irratti paartii walqixxummaa fi bilisummaa dubartootaa kabachiisuuf hojjetu filachuuf kan isaan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu isaanii himaniiru.

Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya’aatti ni ceessisa kan jedhan paartii filachuuf guyyaa filannichaa hawwiin eeggachaa jiraachuu isaaniis dubbataniiru.

Filannicha irratti dammaqinaan hirmaachuun gumaacha isaanii guddina biyyaatiif bahachuuf kan isaan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu isaanii kan ibsan ammoo jiraataa biraa Magaalichaa obbo Abbabaa Baqqaanaati.

Misooma akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuuf namni hundi guyyaa dabalataa kennameetti kaardii filannoo akka fudhatu muuxannoo qabaniin gorsaniiru.

Biyya dimookiraatawaa fi badhaate ijaaruuf adeemsa filannoo keessatti hirmaachuun dirqama lammummaati kan jedhan ammoo aadde Saaraa Maammoo ti.

Filannichi Nagaa fi haqa-qabeessa akka ta’uuf qooda isaanii kan bahatan ta’uusaanii fi kanaanis kaardii filannoo fudhachuun paartii barbaadan filachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015