Bitootessi 24 Itiyoophiyaatiin sadarkaa olka’insaatti ceesisuuf ifni jijjiiramaa guyyaa bariiheefiidha- Bulchaa Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Bitootessi 24 Itiyoophiyaatiin sadarkaa olka’insaatti ceesisuuf ifni jijjiiramaa guyyaa bariiheefiidha- Bulchaa Ordiin Badirii
Bitootessa 28/2018 (ENA): Bitootessi 24 Itiyoophiyaatiin sadarkaa olka’insaatti ceesisuuf ifni jijjiiramaa guyyaa bariiheefiidha jedhani Bulchaan Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin.
Hiriirri guddaan injifannoo fi bu’aa jijjiirama mootummaan argame itti fufsiisuuf kaayyeffate magaalaa Hararitti geggeeffameera.
Hiriira ummataa kana irratti kutaaleen hawaasaa adda addaa, dargaggootaa fi dubartoonni, hojjettoonni mootummaa fi kanneen biroo baadiyyaa fi magaalaa naannichaa irraa hirmaataniiru.
Bulchaa naannichaa hawaasa Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti walitti qabamaniif haasawa taasisaniin, jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti bu’aawwan olaanaan biyyaalessaa fi naannoo galmaa’uu ibsaniiru.
Guyyaan kun gama misoomaa adda addaatiin injifannoo galmeessisuuf seenaa keessatti boqonnaa haaraa baneera jedhaniiru.
Barri jijjiiramaa yeroo tokkummaa hoggansa cimaa fi kaka’umsa misoomaa olaanaa ta’uu ibsuun,; hirmaannaa fi fayyadamummaan ummataa mirkanaa’uu ibsaniiru.
Ummanni hojii misooma hunda galeessa biyyattiin eegalte, akkuma kanaan dura hojjechaa ture, mootummaa cinaa dhaabbachuun cimsuu akka qabus dubbataniiru.
Filannoo waliigalaa 7ffaa irrattis ummanni kaardii sagalee kennuudhaaf isa dandeessisu fudhachuun dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa akka jedhanitti, guyyaan Bitootessi 24, mahaandisni jijjiiramaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gara aangootti dhufan, akka tasaa osoo hin taanee, injifannoo qabsoo fi wareegama ummataatiin kan milkaa’e dha jedhani.
Kana malees Bitootessi 24 guyyaa cunqursaa fi sirni haqa hin qabne biyya keenya uummta Itiyoophiyaa irraa garbummaan kaafamedha jedhani.
Wayita ammaa Mootumaan Ida’amuu bdhaadhina biyyaa mirkaneessuun cinatti waliigaltee biyyaalessaa uumuun sabaa fi sablammoonni dhimma waloo isaanii irratti waliin akka hojjetan taasisaa jiraa jedhani.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena