Tamsaasa Kallatti:

​ Miidhagina Itiyoophiyaa ​

Inisheetiviiwwan mootummaan qabatee hojjetaa jiru keessaa tokko damee Turizimiidha. Kunis miidhagina naannoo eeguun cinatti galii maddisiisuun carraa hojii lammiileef uumee jira.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa hedduu qabdi. Itiyoophiyaan biyyoonni biroon kan hin qabne qabeenya dilbii hedduu qabdi. Isaan keessaa tokko immoo bakka madda dhala namaa ta’uun ishee tokkodha. Kanaan achi immoo biyya qabeenya uumamaa biyyoota birootti hin argamne lubbu qabeeyyiiwwanii hedduu qabdi.

Qabeenyawwan uumamaa ishee bakka ol’aanaa Gaarreen Kaabaa irraa kaasee hanga lafa gadi aanaa Daaloolitti qabeenya uumamaa lakkaawamee hin dhumnee fi daawwatamee hin quufamne hedduu qabdi.

✍️ Kennaawwan uumamaa Itiyoophiyaa

Kennaawwan uumamaa hedduu keessaa tokko kan ta’e Paarkiiwwan Biyaalessaa yoo ilaalle, Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa baajata ramaduun Paarkota Biyyaalessaa 11 fi Dawoo kunuunsa bineensota bosonaa 2 bulchaa jira.

Isaanis፡

📌 Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Kaabaa(Sameen Taraarochi),

📌 Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baalee

📌 Paarkii Biyyaalessa Awaash

📌 Paarkii Biyyaalessaa Abjaataa Shaalaa

📌 Paarkii Biyyaalessa Nacci Saarii

📌 Paarkii Biyyaalessaa Oomoo

📌 Paarkii Biyyaalessaa Alxaash

📌 Paarkii Biyyaalessaa Garaayillee

📌 Paarkii Biyyaalessaa Gaambeellaa

📌 Paarkii Biyyaalessaa Halaayidagee

📌 Paarkii Biyyaalessaa Qaaftaa Shiraaroo akkasumas

👉 Dawoo Arbootaa Baabbillee fi 👉 Dawoo Qorkeewwan Sanqallee faati.

Paarkiiwwan Biyyaalessaa fi Bakki kunuunsa bineensota bosonaa kunneen qabeenya biyyaa waan ta’aniif kunuunfamuu qabu.

Motummaan utubaawwan diinagdee shanan keessaa Turizimiin tokko ta’uunsaa hagam mootummaan damichaaf xiyyeeffannoo akka kenne kan agarsiisudha.

Kaka’umsa Minitira Muummee Dr. Abiyi Ahimadiin kanneen hojjetaman Maaddii Shaggar,Maaddii Biyyaaf fi Maaddi Dhalootaa yoo fudhanne isaan kunniin miidhagina biyyaa dabaluun cinatti mada galii ta’uun carraa hojii lammiilee hedduuf kan bananidha.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015