Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti adeemsa kenniinsa qormaata kutaa 12ffaa ‘Onlaayiniin’ milkeessuuf qophiin taasifamaa jira

Bitootessa 28/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti adeemsa kenniinsa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa 'onlaayiniin' milkeessuuf qophiileen adda addaa taasifamaa jiraachuu Biiroon Barnoota Naannichaa beeksise.

Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Doktar Kaasahuun Galaanaa turtii ENA waliin taasisaniin, waggoottan sadan darban haala qabatamaa naannichaarratti hundaa’uun qormaanni waraqaa fi ‘onlaayiniin’ kennamaa ture barana onlaayiniin qofa kennuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, bara Barnootaa kanatti Naannichatti barattoonni kutaa 12ffaa qormaata biyyaalessaa fudhatan kumni 180 onlaayiniin akka qoramaniif qophiin taasifamaa turuu dubbataniiru.

Adeemsa hanga ammaatti jiruun buufataaleen qormaataa 180 ol adda baafamanii kan hundeeffaman yoo ta'u, Godinaalee fi Aanaaleen hafan keessattis hojiin buufataalee qormaataa gurmeessuu itti fufee jira jedhaniiru.

Buufataalee qormaataa kanneen itti kompiitaroota dabalataa guutuu fi diriirsa bu’uuraalee misoomaa intarneetii qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015