Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa Sababeeffachuun Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa Sababeeffachuun Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira
Bitootessa28/2018(ENA): Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa Sababeeffachuun Godina Kafaa Magaalaa Boongaatti hiriirri deeggarsa ummataa gaggeeffamaa jira.
Hiriirri deeggarsaa hojiiwwan misoomaa waggoota jijiiramaatti hojjetamanii fi milkaa’inoota argaman deeggaruun, itti fufinsa akka qabataniif kan deeggaru ergaawwan darbaa jiranidha.
Jijjiiramni Bitootessa 24 dhaloota haaraaf abdiidha, biyya keenyaafis abdii haaraa dha!
Bitootessi 24 guyyaa seena-qabeessa imalli badhaadhina Itiyoophiyaa itti eegalame dha!
Waggoottan darban keessatti Itiyoophiyaa qormaatilee keessatti cichitee milkaa'inaan calaqqifte ijaarree jirra! Ergaawwan jedhan kunniin hiriira deeggarsaa sana irratti kanneen darbaa jiran keessatti argamu.
Hiriira deeggarsaa kana irratti Bulchaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni olaanoon naannoo, Godinaa fi Bulchiinsa Magaalaa, jiraattonni Magaalichaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamanii