Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti hiriirri deeggarsaa jijjiirama Biyyaalessaan milkaa’ina argameef beekamtii kennu gaggeeffamaa jira

Bitootessa 28/2018(ENA): Waggaa 8ffaa jijjiiramni biyyaalessaa dhugoomuu jalqabuu isaa sababeeffachuun, milkaa’ina hanga ammaatti argameef beekamtii kennuuf hiriirri deeggarsaa jiraattota Aanaalee, Magaalaa fi baadiyyaa Naannoo Harariin qophaa’e Istaadiyeemii Imaam Ahimaditti gaggeeffamaa jira.

Hirmaattonni Istaadiyeemicha keessatti argaman ergaawwan adda addaa imala jijjiiramaa deeggaranii fi milkaa’ina fuulduraatiif qophaa’ummaa isaanii ibsan dabarsaniiru.


 

Dhaadannoowwan dhagaahamaa jiran keessaa muraasni:

Obbolummaa heddumminaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf!

Yaadni keenya baraa baratti kan ce’u, gochi keenya dhaloota kan jijjiiru dha!

Harar Magaalaa Seena qabeessa ta’uu irraa gara fakkeenya badhaadhinaatti ni ceessifna! kanneen jedhaman keessatti argamu.


 

Akka Hiriirtonni ibsanitti, Bitootessi 24 guyyaa ijaarsi dimookiraasii dhugaan Itiyoophiyaa keessatti mirkanaa’ee fi imalli biyya ol-kaasuu itti eegalame ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015