Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti waggoota jijjiiramaatti misoomni lammiilee hunda fayyadamoo taasise hojjetamaniiru - Bulchaa Ordiin Badirii

Bitootessa 27/2018 (ENA): Bulchiinsa Naannoo Mootummaa Harariitti waggoota jijjiiramaa keessatti misoomni lammiilee hunda fayyadamoo taasise hojjetamaniiru jedhani bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii.

Naannoo Harariitti Giddugalli Deeggarsa Qaama Namtolchee Guutummaatti gurmaa'ee tajaajila kennuu eegaleera.

Giddu-galli Deeggarsa Qaama Namtolchee Magaalichatti Giddugala Haaromsa Abrahaa Bahtaa keessatti argamu waggoota hedduudhaaf tajaajila irra kan hin oolle yoo ta’u, Biiroon Fayyaa Naannichaa humna namaa fi meeshaadhaan irra deebi’ee gurmeessee bifa haaraa fi dandeettii guutuun tajaajila kennuu eegaleera.


 

Bulchaan mootummaa naannichaa obbo Ordiin Badirii, Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee dhugumaa fi Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaatti, Deetaan Ministeera Dhimma Hawaasummaa Huriyaa Alii giddugalicha eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru.


 

Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa saganticha irratti dhaamsa dabarsaniin, tajaajilli giddugalichaa deebi’ee eegaluun isaa jajjabeessaa ta’uu eeruun,

giddugalichi tajaajila fayyaa bal’aa fi hunda galeessa ta’e kennuu itti fufa jedhaniiru.


 

Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaatti, Deetaan Ministeera Dhimma Hawaasummaa Huriyaa Alii gama isaaniitiin, wiirtuun kun haaromfamee qabeenya barbaachisaa ta’een hojiitti galchuun hojii gammachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Giddugalichi qaama miidhamtootaaf qaama namtolchee qindeessuun misooma keessatti dammaqinaan akka hirmaatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Itti aansuun, naannichatti keellaa fayyaa sadarkaa lammaffaa aanaa Ereer, ganda Ulaan Ulaatti ijaarame eebbisuun hojii jalqabsisuu fi hospitaala sadarkaa jalqabaa haaraa aanaa Dirree Xiyyaaraatti dhagaa bu'uuraa kaa'uuf sirni ni gaggeeffama.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015