Tamsaasa Kallatti:

Jijjiiramni Biyyaalessaa Bitootessa 24, biyyattii sodaawwan balaa gurguddaa kan ishee oolche dha

Bitootessa 27/2018 (ENA): Jijjiramni Biyyaalessaa Bitootessa 24 biyyattii balaa keessoo fi alaa ishee mudate irraa baraareera jedhan itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Somaalee Injinar Mahaammad Shaalee.

Jijjirama Biyyaalessaa Bitootessa 24 waggaa 8ffaa sababeeffachuun naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti hiriirri ummataa geggeeffameera.


 

Itti gaafatamaan waajjira damee Paartii Badhaadhinaa naannichaa Injinar Mahaammad Shaalee hiriira ummataa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, jijjiiramni Bitootessa 24 nageenyaa fi misooma naannichaa cimsee tokkummaa biyyaalessaa jabeesseera jedhani.

Keessattuu naannoon Somaalee rakkoo nageenyaa fi misoomaa kanaan dura ture keessaa bahee hirmaannaa siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee biyyattii keessatti qabu mirkaneesseera jedhani.

Waggoota jijjiiramaa keessatti pirojektoonni misoomaa gurguddoon biyyattii keessatti eegalamanii xumuramuu isaaniis eeraniiru.


 

Kantiibaan Magaalaa Jigjigaa Injinar Shaafii Ahmad gama isaaniin, jijjiramni Bitootessa 24 yeroo hirmaannaan lammiilee nageenya, misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti jijjiiramee hojiiwwan misoomaa rakkoo ummataa furan hojjatamaa turan ta’uu ibsani.

Jijjiirama kanaan dura naannichi rakkoo nageenyaa, dinagdee fi hawaasummaa akka qabu ture eeruun, jijjirama booda naannichi gara misoomaatti seenuun mallattoo badhaadhinaa ta’eera jedhani.

Itti dabaluunis ummanni naannichaa sodaa fi yaaddoo keessaa bahee hirmaannaan siyaasaa biyyattii dabaleera jedhan.

Magaalaan Jigjigaa mallattoo magaalotaa ta’uu ishee hubachiisuudhaan, nageenyaa fi misooma jijjiirama biyyaalssaan argame tikfachuun hirmaannaa isaa itti fufuu akka qabus dhaamaniiru.

Hiriira deeggarsaa kana irratti ergaawwan darba keessaa,Bitootessi 24 guyyaa seena qabeessa yoomiyyuu kan yaadatamu,bu’aawwan injfannoon itti galmaa’ee fi nageenyi keenya kan itti mirkanaa’edha kanneen jedhamanfaati.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015