Dhiibbaa dhiyeessii boba’aa dandamachuuf haala murtee mootummaan dabarsee xiyyeeffannoo keessa galchuun oomisha haqummaan raabsaa jirra – Buufataalee Raabsa Boba’aa - ENA Afaan Oromoo
Dhiibbaa dhiyeessii boba’aa dandamachuuf haala murtee mootummaan dabarsee xiyyeeffannoo keessa galchuun oomisha haqummaan raabsaa jirra – Buufataalee Raabsa Boba’aa
Bitootessa 27/2018 (ENA): Dhiibbaa dhiyeessii boba’aa dandamachuuf haala murtee mootummaan dabarsee walsimsiisuun oomisha boba’aa haqummaan raabsaa jirra jedhani buufataaleen boba’aa.
ENA’n daawwannaa buufataalee raabsa boba’aa adda addaa Finfinneetti gaggeessee buufataaleen kunneen boba’aa buusanii jiran haqaan fayyadamtootaaf raabsaa akka jiran irra gaheera.
Walitti bu’iinsa Baha Giddu Galeessaa hordofuun biyyoonni addunyaa hedduun dhiyeessii boba’aa irratti addaan cituu mudate furuuf qajeelfama kunuunsa cimaa baasaa jiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, haala amma jiruun walqabatee rakkoo dhiyeessii boba’aa keessatti uumame furuuf lammiileen boba’aa qusannaan akka fayyadaman yaadachiisuun isaanii ni yaadatama.
Kana hordofuun Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa dhiyeessii cancala raabsaa boba’aa to’annoo cimaadhaan bulchuuf murtee bulchiinsaa baaseera.
Akkuma Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee beeksisan, jalqaba torbee darbee; gama fayyadama boba’aatiin dameewwan armaan gadiitiif dursa kennuudhaaf qajeelfamni bahee jira:
Haaluma kanaan:
👉 Konkolaattota boba'aa geejjiban buufatatti dursi kennamuufii qaba
👉 Oomishtoota olaanoo fi dhaabbilee al-ergii kallattiin
👉 Pirojektoota mootummaa fi dhuunfaa kallattiin xiyyeeffannoo addaa barbaadan
👉 Konkolaattota daldala galtee fi al-ergii dabalatee meeshaalee fayyadamaa bu'uuraa geejjiban
👉 Tiraaktaroota qonna ammayyeessan
👉 Konkolaattota geejjiba uummataa magaalaa fi biyyaalessaa
Hojii gaggeessaan Buufata Raabsaa Boba’aa Garjii Nook Malkaamuu Siyaalfi ENAtti akka himanitti, Buufanni kun qajeelfama mootummaan baase sirnaan hojiirra oolchaa jira jedhani.
Dhaabbilee dursi kennameef tajaajila laachaa, seera qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru.
Hojjetaan Buufata Raabsaa Boba’aa OLA Kaasaanchisitti Masarat Wandim gama isaaniin akka himanitti, akkaataa hojimaata diriirfameen qaamolee hawaasaa fi misooma biyyattiif barbaachisoo ta’aniif tajaajila kennaa akka jiran dubbatani.
Suppervaayizarri Buufata Raabsaa Boba’aa Sabaaraa Baabur Tootaal Baayyee Mokonnon akka himanitti, qooda fudhattoota waliin qindoominaan boba’aa haqaan raabsaa jirra jedhani.
Hawaasni boba’aa qusannoon akka fayyadamu; filannoo anniisaa haaromfamuu danda’u akka fudhatuu fi aadaa deemsa miilaa akka horatu ministeerichi waamicha dhiyeesseera.
Lammiileen geejjiba ummataa fayyadamuu fi daldala boba’aa keessatti sochii seeraan alaa saaxiluudhaan mootummaa waliin tumsa akka taasisan dhaamameera.
Hoggantoonni buufata raabsaa boba’aa dhiibbaa hamaa jeequmsi Baha Giddu Galeessaa biyyattii irratti uume hir’isuuf namni hundi itti gaafatamummaa fi obsaan akka socho’u dhaamaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena