Hojiileen Misoomaa hojjennu walitti hidhaminsa hawaasummaa ummata keenyaa cimsa - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Misoomaa hojjennu walitti hidhaminsa hawaasummaa ummata keenyaa cimsa - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Bitootessa 27/2018 (ENA): Hojiileen Misoomaa hojjennu walitti hidhaminsa hawaasummaa ummata keenyaa cimsa jedhani kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin kantiibaan Adaanech, miidhagaa fi hawwataa kan ta’e manneen Pilaazaa kan Meedirook invastimanti Giruup hektaara 1.3 irratti ummataaf ijaare eebbifneerra jedhani.
Akkasumas pirojektoonni misoomaa magaalaa keenya keessatti hojjachaa jirru kanneen kabajaa fi fayyadamummaa dhala namaaf kennan, dhiibbaa jireenyaa hir’isuu, walitti dhufeenya hawaasummaa jiraattota magaalaa keenyaa cimsanidha jedhani.
Itti dabaluunis, dameen dhuunfaas tarsiimoo misoomaa mootummaa hordofuun, saffisaa fi kaka’umsa guddaadhaan nu waliin hojjechaa jira jedhan kantiibaa Adaanech.
Akkasumas, Meedirook Invastimanti Giruup qabeenya dhuunfaa isaa irraa lafa hektaara 1.3 misoomsuu tajaajila ummataaf akka oolu murteessuu isaa eeruun, kunis yaada haaraa fi jijjiirama guddaa ta’uu ibsaniiru.
Misooma qarqara lageenii yeroo hojjennus nuwaliin hojjete waan ta’eef, maqaa ummata magaalaa keenyaa fi maqaa kootiin galata onneerraa madden galateeffadha jedhaniiru.