Mootummaan Naannoo Hararii jijjiirama biyyaalessaa booda damee qonnaa ammayyeessuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu danda’eera - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannoo Hararii jijjiirama biyyaalessaa booda damee qonnaa ammayyeessuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu danda’eera
Bitootessa 27/2018 (ENA): Mootummaan Naannoo Hararii jijjiirama biyyaalessaa booda damee qonnaa ammayyeessuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu danda’eera jedhe Waajjirri Kominikeeshinii Naannoo Hararii beeksise.
Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaa Heenook Mulunaa himanitti, jijjiirama waggoota saddeet darban keessatti tokkoon tokkoon seektara Naannoo Hararii keessatti bu’aan qabatamaan argameera jedhani.
Erga jijjiiramni dhufee as dameen qonnaa naannichatti xiyyeeffannaan guddaan kan kennameef yoo ta’u, dameewwan bu’aan itti galmaa’e keessaa tokko ta’uu himaniiru.
Qonnaan bultoota hirkattummaa roobaa jalaa baasuunii fi lafa bishaan muraasa jirutti aka fayyadamuuf leenjii fi deeggarsa barbaachisu kennuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuun danada’ameera jedhani.
Qonnaan bulaan jallisiitiin akka misoomsu piroojektoonni ijaarsa hidha jallisii bal’aan hojjetamaa turaniiru.
Keessattuu gama oomishaa fi oomishtummaa midhaanii fi beeyladaa, kunuunsa qabeenya uumamaa, ijaarsa jallisiitiin hojiiwwan bal’aan hojjetamaa turaniiru.
Akkasumas, hojiin kuduraalee fi muduraalee fi hortikaalcharii(horticulture) irratti hojjetame bu’aa jajjabeessaa galmeessee jira.
Godinaalee naannichaa magaalaa fi baadiyyaa keessatti hojiin oomisha beeyladaa fi kuduraalee fi muduraa irratti hojjetamaa ture hawaasni baasii jireenyaa hir’isuun soorata madaalawaa akka argatu taasiseera jedhani.
Hojiin baadiyyaatti jallisii irratti hojjetamaa tures oomishaa fi oomishtummaa dabaluu fi wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf gargaaruu keessatti bu’aa qabatamaa argamsiiseera.
Qonna Arfaasaa fi gannaatiin oomishni boqqolloo fi bishingaa yeroo gabaabaa hanqina roobaa dandamatan dachaan dabaluudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessee jira.
Hojiin eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaatiif naannichatti hojjetamees qonnaan bultoonni bishaan lafa jalaa akka argatan taasiseera; kanaanis oomishaa fi oomishtummaa isaanii dabaluudhaan hirkattummaa rooba irraa akka bahan isaan taasiseera.
Mootummaan naannichaa damee qonnaan hojii jalqabe daran cimsee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena