Galmeen filattootaa filannoo walii galaa 7ffaa amma Ebla 14tti itti fufa - ENA Afaan Oromoo
Galmeen filattootaa filannoo walii galaa 7ffaa amma Ebla 14tti itti fufa
Bitootessa 26/2018 (ENA)-Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa galmee filattootaa filannoo walii galaa 7ffaaf gaggeessaa ture amma Ebla 14 bara 2018tti akka itti fufu beeksise.
Boordichhi akkaataa gabatee yeroo Kanaan dura baaseen galmeen filattootaa Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee amma Bitootessa 28 bara 2018tti akka gaggeeffamu karoorsuusaa yaadachiiseera.
Galmee kana teeknooloojiin deeggaruuf akkaataa karoorfameen yeroo ammaa galmeen kaadhimamtootaa xumuramuusaa fi galmeen filattootaa ammoo gabatee yeroo qabameefiin gaggeeffamaa turuu ibseera.
Haa ta’u malee bakkeewwan muraaGalmeen filattootaa filannoo walii galaa 7ffaa amma Ebla 14tti itti fufasatti galmee teeknooloojiin gaggeessuuf rakkoon neetwoorkii mudachuusaa Boordichi ibseera.
Rakkoo kana furuun adeemsicha amansiisaa fi si’ataa gochuuf yeroo itti fudhate bakka buusuuf yeroo galmee dheeressuun barbaachiseera jedheera.
Dabalataanis buufataalee filannoo tokko tokko neetwoorkiin amansiisaan ni jiraata jedhamee yaadametti neetwoorkiin addaan waan cicciteef, hojmaaticha gara maanuwaaliitti deebisuun yeroo qisaasame bakka buusuuf murtaa’uusaa ibseera.
Buufataalee filannoo tokko tokkotti sababa rakkoo geejjibaarraa kan ka’e meeshaalee galmee yeroon waan hin qaqqabneef harkifannaa tureef fala kennuuf, galmeen filannoo kun guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin amma Ebla 14 bara 2018tti galmeen filattootaa akka gaggeeffamu gochuusaa beeksiseera.