Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal simsiisuun bosonaa kunuunsa jirti
Bitootessa 26/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaagaalee idil addunyaa bittaa fi gurgutaa kaarbooniin kan wal siman muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa guddisaa jiraachuu qindeessaan koree teekniikaa ashaaraa magariisaa Dr. Adafris Warquu ibsan.
Doktar Adafris Warquu turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu kaasanii, irra caalaan bosona keessatti akka argamu eeraniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluurra darbee galiin biyyattiin gurgurtaa kaarbooniirraa argattu akka dabalu qooda olaabaa bahachaa akka jiru dubbataniiru.
Itiyoophiyaan lubbu qabeeyyii garagaraa hedduu waan qabduuf kuusaa kaarboonii fooyya’aa of keessatti qabachuuf teessuma lafaa mijataa akka qabdu doktar Adafris ibsaniiru.
Itiyoophiyaan eegumsa haala qilleensaa fi naannawaa irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jirtu eeranii, kun ammoo kaarboonii qilleensarraa dhabamsiisuudhaan karaa uumamaa fi nam-tolcheen akka kuufamu gochaa jira jedhaniiru.
Gaaziin ho’a of keessatti qabatu kan kana dura bosonni ciramuu fi qabiinsa lafaa hin malleen gara hawaatti gadi lakkifamu ittisuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Haala Kanaan muuxannoowwan bulchiinsa lafaa fi bosonaa fulla’aa ta’an kan ulaagaalee bittaa fi gurgurtaa kaarbooniin wal siman guddisuuf gargaaran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Kan lammataa ammoo yeroo biqiltuuwwan dhaabaman kaarboonii Kanaan dura gara hawaa seene walitti qabuun kan itti deebi’an kan godhu hojmaata hojiirra oolchuunii fi kaarboonii gadhiisiirraa eegame gabaaf dhiheessuuf xiyyeeffannoon kennamuu dubbataniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtuun gurgurtaa kaarboonii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu fi biyyoonni garagaraa Itiyoophiyaa waliin walii galtee bittaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.
Haala Kanaan mootummaan Norweeyi ka’umsaaf bittaa kaarboonii doolaara miiliyoona 75 akkasumas Baankiin addunyaas walii galtee bittaa raawwachuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Norweeyii fi Baankiin addunyaa bituuf kan barbaadanii ol Kaarboonii maddisiisuushee eeranii, qabeenyi kaarboonii doolaara biiliyoona tokko baasu akka jiru ibsaniiru.
Addunyaarratti Bajata guddaa bittaa kaarbooniif ramadamu gara gurgurtaa kaarboonii Itiyoophiyaatti fiduuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Faayinaansii kaarboonii addunyaarratti argamu gara Itiyoophiyaa fiduuf sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuun olitti sanadoota qindeessuunii fi hojiileen biro hojjetamaa akka jiran beeksisaniiru.