Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli elektiriikaa Itiyoophiyaa hoj-maata itti quufinsa maamiltootaa mirkaneesuuf gargaaran hojiirra oolchaa jira

Bitootessa 26/2018(ENA)- Tajaajilli elektiriikaa Itiyoophiyaa tajaajiloota isaatiin iftooninaa fi itti gaatamummaa hojiirra oolchuun itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessuuf hoj-maatawwan garagaraa hojiirra oolchaa jiraachuu ibse.

Tajaajilli dhaabbileen ummataaf kennan si’ataa, qulqulluu fi teknoolojiin kan deeggarame akka ta’uuf mootummaan hojiiwwan riifoormii gaggeessaa tureera.

Kanaanis, kanneen akka tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masob' yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa itti quufinsa ummataa mirkaneessuu danda'an ijaaruun danda'ameera.

Kana bu’uura godhachuun, dhaabbileen Mootummaa biroos hoj-maatasaanii ammayyeessuu fi ummataatti dhiyaachuun malaammaltummaa ittisuuf tooftaawwan dandeessisan hordofaa jiru.

Daarektarri Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Tajaajila Elektriika Itiyoophiyaa Aadde Hibrawarq Yimanuu turtii ENA waliin taasisaniin, dhaabbatichi itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf hojiiwwan jijjiiramaa hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hoj-maata badaa kenna tajaajila maamilaarratti isaan mudatu icciitiin eeruuf appilikeeshinii salphaa, Mijataa fi nageenyisaa eegame hojiirra oolchuusaa beeksiseera.

Kanaanis Maamiltoonni weebsaayitii "eeuethics.et" jedhamuun yookiin appilikeeshinicha bilbila isaaniirra buufachuun komii fi eeruu isaanii salphaatti dhiyeessuu akka danda’an ibsaniiru.

Appilikeeshiniin kun hirmaannaa maamiltootaa eeruu dhiyeessuu irratti qaban guddisuu kan danda'e yoo ta'u, baatiiwwan saddeettan darban keessatti eeruun 374 dhiyaachuusaa ibsaniiru.

Eeruwwan dhiyaatan qulqulleessuun bu’aa argameerratti hundaa’uun hojjettoota 98 irratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu isaa Daarektarri kunibsaniiru.

Dhaabbatichi namoota eeruu kennaniif eegumsa barbaachisaa taasisuun hoj-maata badaa ija-jabinnaan akka saaxilan qajeelfama dandeessisu qajeelfama beekamtii kennuu fi eegumsa taasisuu qopheessee hojiitti galuu isaas himaniiru.

Hoj-maata teknoolojiin ammayyeessuurra darbee, haala naamusaa hojjettootaa ittiin addaan baasuuf hammattoon addaa qophaa'uu isaa ibsaniiru.

Maamiltoonni Malaammaltummaa ittisuuf carraqqii taasifamu keessatti hirmaannaa dammaqaa akka taasisanii fi tajaajila kamiifuu kaffaltii yeroo raawwatan nagahee seeraa fudhachuun dirqama isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015