Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti Dureeyyii Invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif onnachiiftuunii fi haalli mijataan uumameera –Bulchaa Naannichaa Ordiin Badrii

Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii Invastimantii adda addaa irratti hirmaataniif onnachiiftuunii fi haalli mijataan uumamuusaa Bulchaa Naannichaa Ordiin Badrii ibsan.

Kumalaa Atileet Haayilee Gabirasillaasee Magaalaa Hararitti Invasti gochuuf qophii xumuruun Magaalaa Hararitti argamuun hojiilee misoomaa adda addaa daawwateera.

Turtiisaa Harariin Hambaa Addunyaa Jugoolii fi hojiilee ijaarsa kooriidarii fi hojiiwwan misoomaa Magaalattii keessatti hojjetaman Bulchaa Naannichaa Obbo Ordiin Badrii waliin ta’uun daawwateera.

Akkasumas, damee Invastimantii irratti bobba’uuf jiru ilaalchisee Bulchaa Naannichaa waliin marii taasiseera.


 

Bulchaan Naannichaa Obbo Ordiin Badrii marichaan akka jedhanitti, Naannichatti dureeyyii filannoowwan invastimantii adda addaa irratti bobba’aniif onnachiiftuu fi haalli mijataan uumamuusaa kaasaniiru.

Keessattuu, dureeyyii misooma irratti bobba’an jajjabeessuu, deeggaruu fi gargaaruu irratti hojiiwwan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun, Atileet Haayilee Gabrasillaasee Magaalaa Harar keessatti hojii invatimantii hojjetuuf deeggarsi wal-fakkaataan akka taasifamuuf dubbataniiru.

Magaalaan Harar Magaalaa umurii dheeraa lakkoofsiftee fi Magaalaa Turizimii ta’uu ishee kan ibsan obbo Ordiin Badrii, Magaalattii keessatti iddoo simannaa(boqonnaa) keessummaa ammayaa’aa ijaaruu fi babal’isuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis, Invastimantiin Hoteelaa fi Riizortii Atileet Haayilee Gabrasillaaseen ijaaramu Magaalattiif tarkaanfii guddaa akka ta’u dubbataniiru.


 

Atileet Haayilee Gabrasillaasee gamasaatiin, Magaalaan Harar qabeenya seenaa durii fi bakka hawata turizimii qabdu, invastimantii Hoteelaa fi Riizortiitiif mijattuu ta’uu ishee dubbateera.

Kanaan olittis misoomni koriidaraa Magaalichatti Ijaarame, dhiheessii bu’uuraalee misoomaa fi filannoowwan misoomaa biroon misooma damichaaf carraa guddaa dha jedheera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015