Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu eebbisanii banan

Bitootessa 26/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad wiirtuu qo’annoo ammayyaa dirree Saayinsii Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti boqonnaa haaraa banu har’a eebbisanii bananiiru.

Dhaabbanni ammayyaa mooraa dhaabbata qo’annoo Armawer Hansen keessatti ijaarame kun ijaarsa bu’ura misoomaan gamatti, Itiyoophiyaa of dandeessee fi fayya buleessa taate dhugoomsuuf kan hojjetu wiirtuu beekumsaati jedhaniiru ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin.

Wiirtuun qo’annoo kun laaboraatoorii 40, bakkeewwan Jaanoomiiksii (genomics) fi Baayooinfoormaatiiksii (bioinformatics) ga’ooman, akkasumas qulqullinaa fi ga’umsa qoricha biyya keessatti hojjetamanii kan mirkaneessu wiirtuu baayoo’ekuwiivaalensii (bioequivalence) of keessatti qabachuusaa ibsaniiru.

Dabalataanis dhaabbatichi dandeettii balaawwan tasaaf of qopheessuu fi deebii kennuu gama gabbifachuutiin murteessaa ta’ee ni gargaara jedhaniiru.

Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, qo’annoo gara imaammataa, kalaqa gra furmaata qabatamaatti jijjiiruudhaan wiirtuun kun oomisha qorichaatiin akka of dandeenyu, nageenya fayyaa‎ fulla’aa mirkaneessuu fi hundaa ol ammoo milkaa’inoota amma ammaatti galmeessifne caalaatti guddisuuf kan gargaaru tarkaanfii guddaadha jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015