Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii uummataa deebisan cimanii ittifufaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Hojiiwwan gaaffii Bulchiinsa Gaarii uummataa deebisan cimanii ittifufaniiru
Bitootessa26/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan gaaffii bulchiinsa gaarii uummataa deebisan cimanii itti fufuusaanii waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasa Namarraa Bulii ibsan.
Godina Jimmaa, Aanaa OmooNaadaa Magaalaa Asandaabootti, giddugalli tajaajila wiirtuu Masoob Sadarkaa Aanaatti isa jalqabaa ta’e har’a eegalameera.
Obbo Namarraa Bulii wayita sanatti ergaa dabarsaniin, tajaajilli Masoob Naannichatti bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummataa adeemsaan deebisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Akka Itti gaafatamichi Jedhanitti, tajaajilli kun hoj-maata badaa ittisuu bira darbee, gaaffiiwwan uummataa tokko tokkoon deebisaa jiraachuu keenyaaf ragaadhajechuun; gara fuulduraattis tajaajilicha ammayyeessuun lammiilee hedduuf akka gahuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniitiin, gaaffiiwwan misoomaa fi tajaajilaa jiraattonni Godinichaa yeroo adda addaa kaasan furuuf tajaajilli Masoobii sadarkaa Aanaatti babal’achaa jiraachuu eeraniiru.
Kantiibaan Magaalaa Asandaaboo Obbo Naziif Sheek Kamaal, giddugala kanatti dhaabbileen 11 gosa tajaajila 52 foddaawwan 8’n akka kennan ibsuun, Ogeessonni tajaajila qulqulluu fi saffisaa kennuuf leejii fudhatanii gara hojiitti galaniiru jechuun ibsaniiru.