Tamsaasa Kallatti:

Xiyyeeffannoon tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Mekaanaayizeeshiniif kenname birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’u bu’ura ta’aa jira

Bitootessa 26/2018(ENA)- Xiyyeeffannoon Itiyoophiyaan tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Mekaanaayizeeshiniif kenname birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’u bu’ura ta’aa jiraachuu ministirri qonnaa Addisuu Araggaan ibsan.

Sosochiin misooma midhaanii bara oomishaa 2018/19 mata duree ‘oomishaa fi oomishtummaadhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuu” jedhuun magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Ministirri qonnaa Addisuu Araggaa wayita kana akka jedhanitti, birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf egereen Itiyoophiyaa ifaadha.

Sochiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa mootummaa ida’amuutiin eegalame oyiruu qonnaarratti qabatamaan bu’aa mul’achuu eegaluusaa ibsaniiru.

Qonna Itiyoophiyaa ammayyeessuudhaan gara mekaanaayizeeshiniitti cehaa jiraachuu ibsanii, Itiyoophiyaatti walabummaa nyaataa mirkaneessuuf hojii eegalameen jijjiiramni qabatamaan mul’achuusaa dubbataniiru.

Yeroon misooma midhaanii gannaa fi bonaa bara 2018/19 qormaata gaaga’ama addunyaa keessatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsanii, haa ta’u malee Xaa’oo dursaan galchuun yaadduu jiru cehuun akka danda’ame eeraniiru.

Keessumaa dhiibbaa waraanni jiddu galeessa bahaa sirna lojistiksiirratti qaqqabsiisu damdamachuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu qabna jedhaniiru.

Wabii nyaataa fulla’insaan mirkaneessuuf qormaata gara carraatti kan itti  jijjiirre muuxannoo yeroo weerara Koovid ture har’as itti fufuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Hogganaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Geetuu Gammachuu gamasaaniin, naannichatti inisheetiivonni 33 ol hojiirra oolaniiru jedhaniiru.

Naannoleen qabeenya uumamaa qaban sirnaan hojiirra oolchuun hojjechuun yoo danda’ame jijjiiramni akka dhufu Inisheetiivotaan  qabatamaan mul’achuu ibsaniiru.

Muuxannoowwan Itiyoophiyaa keessa naannolee garagaraa keessa jiran fudhachuun sanyiiwwan madaqsuun oomishaalee akaakuu garagaraa oomishuun eegalamuusaa ibsanii, naannoo Amaaraarraa muuxannoo fudhachuun Ruuzii misoomsuun akka danda’ame dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015