Itiyoophiyaan Haalaa jijiirama Addunyaa tilaama Keessa Galchuun Xaa'oo bittee Galchiteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Haalaa jijiirama Addunyaa tilaama Keessa Galchuun Xaa'oo bittee Galchiteetti
Bitootessa 26/2018(ENA)-Itiyoophiyaan haala Addunyaa hin tilaamamnee fi jijjiiramaa jiru hubannoo keessa galchuun dursitee xaa’oo bituun gara biyya keessaatti galchuushee Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan.
Waraanni gidduugala Bahaatti uumamee fi gaaga’amni Addunyaa bittaa fi sochii meeshaalee irratti gufuu uumuun isaa ni beekama.
Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa akka jedhanitti, naannoon Giddu-galeessa Bahaa sararoota xaa'oon ittiin fe'amu keessaa tokko ta’uusaa ibsanii, waraanni naannichaa sochii geejibaarratti rakkoo uumuusaa eeraniiru.
Haa ta'u malee, Mootummaan haala jijjiirama Addunyaa hin tilmaamnee fi haala jijjiiramaa hubannaa keessa galchuun xaa'oo ilaalchisee dursuun qophii taasisuun gara hojiitti galuu dubbataniiru.
Kanaanis bittaa xaa’oo omishaa bara kanaaf oolu raawwachuun gara yuuniyeenota hojii Gamtaa fi qonnaan bultoota bira akka gahu taasifamuu ibsaniiru.
Bara omishaa darbe Xaa'oon qonnaan bultootaaf raabsame kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 akka ture ibsuun, bara omishaa kanatti, kan Jibuutii gahe dabalatee xaa’oon kuntaalli miiliyoona 20 galeera jedhaniiru.
Tiraansifoormeeshinii Qonnaa mirkaneessuu fi itti fayyadama galteewwanii fooyyessuuf xaa'oo kuntaala miiliyoona 30 bituuf karoorfamuu eeruun, kan hafe galmaan gahuuf biyyoota michuu waliin tumsaa fi waliigaltee cimaan uumamuu ministirichi ibsaniiru.
Birmadummaan nyaataa dhimma jiraachuu ta’uu kan dubbatan Obbo Addisuun, Hariiroo misooma qonnaa keessatti oomisharraa kaasee hanga sona dabaluu fi gabaatti adeemsa jiru to'achuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Haalaa Kanaan Ijaarsi warshaa xaa'oo Itiyoophiyaan jalqabduun haala addunyaan hin tilmaamamnee fi jijjiiramaa jiru keessatti rakkoolee mudachuu danda'an injifannoon darbuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru.
Dabalataanis, qonnaan bultoonni xaa'oo uumamaa (koompostii) irratti bal'inaan hirmaachuun dhiibbaa jiru hir'isuu akka qaban dubbataniiru.