Qonna maxxantummaa roobaa jalaa baasuuf hojii hojjetameen bu’aan jajjabeessaan argameera - ENA Afaan Oromoo
Qonna maxxantummaa roobaa jalaa baasuuf hojii hojjetameen bu’aan jajjabeessaan argameera
Bitootessa 26/2018(ENA)- Qonna Itiyoophiyaa maxxantummaa roobaa jalaa baasuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun hojii hojjetameen bu’aan jajjabeessaan argamuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee ibsan.
Manni marichaa seerota qonna ammayyeessan baasuun qoodasaa bahachaa akka jiru beeksisaniiru.
Ministira qonnaa Addisuu Araggaa dabalatee hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo Oromiyaa sosochii jalqabsiisa qonna gannaa fi misooma midhaan gannaa biyyaalessaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Ada’aatti jalqabsiisaniiru.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee ENA’f akka ibsanitti, misoomni Qamadii jallisii bonee inisheetiivii haaraadha.
Inisheetiiviin kun yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin jalqabamuusaa eeranii, inisheetiivichi oomishaa fi oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
Itiyoophiyaa irkattummaa roobaa jalaa baasuun misooma jallisiidhaan jireenyashee akka mirkaneeffattu yaadamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haala Kanaan bu’aaleen cehumsa qonnaa si’achiisan galmaa’aniiru jedhan.
Manni maree bakka bu’oota ummataa akkaataa aangoo kennameefiin cehumsa qonnaaf gumaacha taasisaa jira kan jedhan dura taa’aan kun, seeronni qonnaan bulaa onnachiisan, qonna ammayyeessan mana marichaan raggaafamuu dubbataniiru.
Haala Kanaan qonnaan bultoota oomishtootaa fi dureeyyii jidduutti tumsa faayinaansii, galtee fi beekumsaa uumuun oomishaa fi oomishtummaan akka guddatu labsiin kontiraat faarmiingi (waliigalteen qonnaa) ragga’ee hojiirra ooluusaa kaasaniiru.
Kana malees manni marichaa qama raawwachiisaa to’achuu fi hordofuun akkasumas hojii hojjetame qorachuun guddina damichaaf qoodasaa bahachaa akka jiru dubbataniiru.
Hogganaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Geetuu gammachuu wayita kana akka jedhanitti, mootummaan damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennuusaatiin jijjiiramni qabatamaa galmaa’eera.
Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan Qamadii biqilchan kanneen akka Baaleetti qofa osoo hin taane Qamadiin misoomee bakka hin beeknetti oomishuun eegalameera.
Haala Kanaan qonnaan bultoonni naannichaa sagantaa seeftiineettiitti fayyadamaa turan
Qamadii misoomsuun oomishtoota ta’uusaanii ibsaniiru.
Bara oomishaa 2011/12 misoomni qamadii jallisii bonee lafa heektaara kuma toorba irratti eegalame yeroo ammaa heektaara miiliyoona 3 tuqaa 4 qaqqabeera jedhan.
Misoomni Qamadii jallisii bonee yeroo eegalamu qonnaan bultootarra darbee hayyoonni shakkii qabu ture kan jedhan hogganaan biiroo kun, qonnaan bulaan qonna roobarratti hirkate jalaa bahuusaa ibsaniiru.
Qamadiin jallisiin misoomu bu’a qabeessa waan ta’eef qonnaan bulaan qajeelfama mootummaa fudhatee sirnaan hojiirra oolchuun bu’aa argame ta’uu dubbataniiru.
Akka naannoo Oromiyaatti misoomni Qamadii jallisii bonee bal’ina lafa qotamuu fi oomishtummaadhaan qonna gannaarra fooyyee kan qabu ta’uu eeraniiru.