Waggoota Jijjiiramaa darbanitti hojiileen tajaajila tola ooltummaan hojjetammaan fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha - ENA Afaan Oromoo
Waggoota Jijjiiramaa darbanitti hojiileen tajaajila tola ooltummaan hojjetammaan fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha
Bitootessa 25/2018(ENA)- Waggoota jijjiiramaa darban hojiileen namooma irratti xiyyeeffatamanii tajaajila tola ooltummaan Magaalichatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuusaanii Komishiniin Qindeessa Hirmaannaa Hawaasaa Finfinnee beeksise.
Magaalattiitti waggoottan saddeettan darbanitti hojiin lammiilee hedduu fayyadamoo taasise qindoomina abbootii qabeenyaa fi dargaggootaan raawwatameera.
Itti aantuun Komishinaara Komishinichaa Asraat Nuguusee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti; Magaalattii keessatti tajaajila tola ooltummaan hojiiwwan namoomaa irratti xiyyeeffatanii hojjetamaniin milkaa’inni hedduun galmaa’eera.
Waggoottan jijjiiramaa darbanitti waggaa waggaan dameewwan xiyyeeffannoo 15 irratti sagantaalee Gannaa fi Bonaatiin hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuusaanii eeraniiru.
Dameewwan tajaajilaa kunis, Haaromsa Manneen harka qal’eeyyii fi maanguddootaa, Maaddii qooddachuu, dhiiga arjoomuu, ittisa balaa tiraafikaa, Barnootaa fi leenjii, Eegumsa naannoo fi miidhagina akkasumas hirmaannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan hammatanidha.
Keessattuu manneen harka qalleeyyii diiguun haaraa ijaaruun bu’aawwan gurguddoon hawaasa fayyadamoo taasisan galmaa’uusaanii dubbataniiru.
Waggoota jijjiiramaa darban qofatti Manneen kuma 45 ol ijaaramanii jiraattotaaf dabarfamuu eeruun; manneen kun haala jireenya lammiilee ammayaa’aa fi jireenyaaf mijataa ta’een ijaaramuu isaanii ibsaniiru.
Sagantaa Maaddii qooddachuutiin jiraattota magaalichaa miliyoona 6 tuqaa 5 ol deddeebiidhaan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame eeraniiru.
Hojiilee Namoomma irratti xiyyeeffatan keessatti abbootiin qabeenyaa gahee olaanaa bahuu isaanii Itti aantuun Komishinaraa kun ibsanii; abbootiin qabeenyaa deeggarsa ofiisaaniin tasisan malee kanneen biroo qindeessuun gumaacha guddaa taasisuu isaanii dubbataniiru.