Tamsaasa Kallatti:

Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegame kennuuf hojjetamaa jira

Bitootessa 25/2018(ENA)- Ejensiin Geejiba Oromiyaa Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegamee Hawaasaaf kennuudhaaf hojjechaa jiraachuu Biiroon Geejiba Oromiyaa beeksise.

Daarektarri Daarektoreetii Koomunikeeshinii Ejensii Geejiba Oromiyaa Obbo Lammeessaa Tasaanaa,Tajaajila Geejibaa Qulqullina qabu hawaasaan gahuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Qulqullina Leenjii Konkolaachisummaa, gahumsa konkolaataa fi Nageeenya Tiraafikaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Balaan Tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaataa fi konkolaachisaan wal-qabatee hojiin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Balaan Tiraafikaa irra caalaan kan uumamu rakkoo konkolaachisaa fi imaltoota lafoon ta’uu eeruun, rakkoon kun akka hin babal’anneef Ejensichi Qulqullina Leenjiirratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaafis, Leenjii Konkolaachisummaa gara teekinooloojiitti fiduun qulqullina Leenjii konkolaachisummaarratti hojjetamaa jira jedhaniiru.


 

Kenna Tajaajila Geejibaa Leenijii konkolaachisummaa, Galmeessaa fi kenninsa Boolloorratti, teekinooloojiidhaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Geejibaan wal-qabatee rakkoo jiru furuuf kaameeraan hordofuun rakkoon buufata konkolaataa keessatti mudatu hordofamaa jiraachuu obbo Lammeessaan eeraniiru.

Rakkoo konkolachiftoonni taarifaan ol kaffalchiisuu fi darbaa fe’uun mudatu yoo argan bilbila bilisaan 8556n hawaasni eeruu akka kennus dhaamaniiru.

Agarsiisnii fi baazaariin raawwii hojii sektaroota biiroolee Oromiyaa guyyaa sadiif galma aadaa Oromootti qopheessummaa Biiroo komunikeeshinii Oromiyaan gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015