Waggoottan jijjiiramaa keessa magaalaa Shaggaritti hojiin rakkoolee Hawaasummaa fi Dinagdee furan hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan jijjiiramaa keessa magaalaa Shaggaritti hojiin rakkoolee Hawaasummaa fi Dinagdee furan hojjetamaniiru
Bitootessa 25/2018(ENA)- Magaalaa Shaggaritti waggoottan jijjiiramaa keessa hojiiwwan rakkoo Hawaasummaa fi dinagdee furan hojjetamuu Bulchiinsi Magaalichaa beeksise.
Hojiiwwaan Bulchiinsa Magaalichaan hojjetaman ilaalchisuun Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti qindeessaan kilaastara Bulchiinsaa fi Tajaajilaa Obbo Gugsaa Dajanee ENA’f ibsaniiru.
Akka Obbo Gugsaa Dajanee jedhanitti, Magaalaan Shaggar waggoota jijjiiramaa keessatti hundaa’uun yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina Hawaasummaa fi dinagdee hedduu galmeessiseera.
Bulchiinsi Magaalichaa Waggoottan jijjiiramaa keessatti badhaadhina jiraattotaa mirkaneessuuf karoorri baafaman hojiirra kan itti oolan ta’uus ibsaniiru.
Milkaa’inoota ijoo waggoottan kanneen keessatti galmaa’an keessaa inni tokko, babal’isa bu’uuraalee misoomaa magaalattii keessatti baay’ee boodatti hafaa ture fooyyessuu akka ta’e eeraniiru.
Keessattuu hojiiwwan Daangaa Kabachiisuu, weerara lafaa fi ijaarsa seeran Alaa ittisuurratti hojjetameen bu’aan argamuusaa ibsaniiru.
Magaalattiin erga hundooftee eegalee Magaalummaa idileessuu fi caaseffama mootummaa ammayaa’aa bal’inaan hojjetamuu hubachiisaniiru.
Gama Kanaan tajaajila wiirtuu tokkoo "Masoob" teeknoolojii Diijitaalaan deeggarame hojiirra oolchuun tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu Jiraattota Magaalichaaf dhiyeessuun danda'amera jedhaniiru.
Dabalataanis, rakkoo mana jireenyaa furuuf jiraattota waldaan ijaaruun, akkasumas karaa dhuunfaa fi tumsa Mootummaan manneen jireenyaa akka ijaaraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Pilaanii Caasaa Magaalattii eegsisuun fi haala jireenya ummataa fooyyessuun, Shaggariin jireenyaa fi hojiif mijattuu gochuuf hojiiwwan jalqabaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.