Tamsaasa Kallatti:

Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf gama hundaan caalanii argamuu fi tumsa cimsuun dhimma filannoof hindhihaanedha

Bitootessa 25/2018(ENA)-Nageenyaa fi Faayidaa Itiyoophiyaa fi riijinichaa kabachiisuuf gama hundaan caalanii argamuu fi tumsa cimsuun dhimma yeroon gaafatuu fi filannoof hindhihaanedha jedhan daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Ambaasaaddar Reedwaan kana kan jedhan konfaransii nageenya biyyaalessaa lammaffaa kaleessa gaggeeffamerrattidha.

Daarektar Jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, waggoottan darban haalli tasgabbii mudannoowwan jijjiiramaa, tilmaamuun hin danda’amnee fi walxaxaan mudachuu yaadachiisaniiru.

Humnoonni farra nageenyaa fi gareewwan shororkeessaa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an rakkoolee garagaraa uumaa turuusaanii kaasaniiru.

Diinonni keessaa fi alaa Itiyoophiyaa maraammartoo hindhaabanne keessa galchuuf yaalii gochaa turuusaanii eeraniiru.

Dhaabbileen Nageenyaa fi tasgabbii yaaddoo qolachuuf,ummanni nagana bahee akka galu gochuuf, hawaasa waliin ta’uun bobbii fi tarkaanfii seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’e fudhachuunnagaa fi tasgabbii biyyaalessaa akka mirkaneessan ergama kennameef milkaa’inaan bahachaa akka jiran ibsaniiru.

Haalli saffisaan jijjiiramaa akka jiru eeranii, olla keenya Sudaanitti waraanni waliinii itti cimuusaa, Somaaliyaatti shororkeessitoonni Alshabaabii fi Ayi essi bayyanachuusaanii fi toftaan haleellaa isaaniis jijjiiramaa dhufuu kaasaniiru.

Biyyoota Ardichaa biroo keessattis yaaddoowwan tasgabbii fi jeequmsi garagaraa dabaluusaa himaniiru.

Addunyaa jijjiiramaa fi tilmaamuun hin danda’amne kana keessatti nageenyaa fi faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf caalanii argamuun dhimma filmaata hin qabnedha jedhaniiru.

Tumsaa fi qindoominaan dandeettii keessaa guddisuun humna ergama biyyaaf bobba’u baay’isuu fi cimsuun akka barbaachisu eeraniiru.

Waraanni jiddugaleessa bahaatti gaggeeffamaa jiru riijinichaaf yaaddoo haaraa uumeera kan jedhan ambaasaaddar Reedwaan, keessumaa biyyoota akka Itiyoophiyaa ulaa galaanaa hin qabne haala walxaxaa keessa galcheera jedhaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii gochaa jirtu gareen ji’oo siyaasaa haala yeroo saffisaan jijjiiramuusaaniin gamatti riijinichi galaana diimaarratti dhiibbaa uumuuf humnoota barbaadaniin bakka dorgommii ta’aa dhufuusaa yaaddoo dabalataa uumeera jedhan.

Haalli kun fedhiin Itiyoophiyaa ulaa galaanaaf qabdu buufataan olitti nageenyaa fi tasgabbii riijinichatti amansiisaa kan mirkaneessu akka ta’u kan hubachiisu ta’uu eeraniiru.

Qaqqabummaa galaana diimaarratti itti fayyadama waloo diriirsuuf biyyoonni riijinichaa hundi tumsaan hojechuun barbaachisaa ta’uusaa mirkaneessuuf hojiilee dippilomaasii eegalaman cimsuun itti fufsiisuun dirqama ta’eera jedhan.

Ajandaan nageenya biyyaalessaa ijoo kun akka dhugoomu dhaabbileen tasgabbii fi nageenyaa xiyyeeffannoosaanii gama fedhiiwwan yeroo fi egereetiin ilaaluun qoodasaanii bahuuf qooda murteessaa qabu jedhaniiru.

Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin akka bu’u, faayidaan biyyaalessaashee akka dhugooman dhageettiin riijinii fi idil addunyaa qabdu akka guddatu hojjechaa jira jedhaniiru.

Dhaabbii akka dhaabbataatti qabu humna namaa, hojmaata, caaseffamaa fi teeknooloojii ammayyaatiin gara sadarkaa olaanaarraan gahuuf adeemsa jijjiiramarra akka jiru eeraniiru.

Ajandaawwan nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf hojmaata qindoomina qooda fudhattoota federaalaa fi naannoo hunda waliin taasisu bobbii waloos cimsee akka itti fufu eeraniiru.

Qaamolee deeggartootaa biyyoota biroo faayidaa fi kaayyoo waloo qaban waliin tumsa cimsee akka itti fufus ibsaniiru.

Riijinichi fedhiin heddootaa kan keessa jiru bobbiin tarsiimawaa kan itti taasifamu waan ta’eef diinonni Itiyoophiyaa seenaan beeku fucha haalonni jijjiiramoo uuman faayodaa ofiif oolchuuf carraaqaa jiru jedhaniiru.

Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf sochii taasisan cimsanii itti fufuusaanii hubachuun akka barbaachisu eeraniiru.

Kanaaf qormaata mudatan harka wal qabachuun cehuuf Siviilii, qaama nageenyaa fi lammiilee jidduutti tumsa cimsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015