Tamsaasa Kallatti:

Xiyyeeffannoo addaa Mootummaan damee Qonnaaf kenneen qonnaan bultoonni kanaan dura gargaarsa Seeftineetiin jiraataa turan, yeroo ammaa misooma qonna qamadii irratti bobba’uun bu’a qabeessa ta’aa jiru

Bitootessa 25/2018 (ENA): Xiyyeeffannoo addaa Mootummaan damee Qonnaaf kenneen qonnaan bultoonni kanaan dura gargaarsa Seeftineetiin jiraataa turan, yeroo ammaa misooma qonna qamadii fi oomishaalee biroo irratti bobba’uun bu’a qabeessa ta’aa jiru jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu.

Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa, walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimma Qonnaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti obbo Salamoon Laalee fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroo, naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Ada’aa keessatti qamadii jallisii Bonaan misoomfamaa jiru guyyaa har’aa daawwataniiru.

Daawwannaa kanarratti Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka himanitti, xiyyeeffannoo guddaa mootummaan damee qonnaaf kenne jijjiirama qabatamaa naannichatti fideera jedhani.

Kanaan dura bakkeewwan bal’inaan qamadii itti misoomsan kan akka Baaleetti osoo hin taanee yeroo ammaa naannolee kanaan dura qamadiin misoomfamee hin beeknetti bal’inaan misoomfamaa jiraachuu himani.

Jijjiiramni hundee qabu kun qonnaan bultoonni naannichatti fayyadamtoota sagantaa Seeftineetii turan,yeroo ammaa ofirra darbanii gara bu’aa argamsiisuutti akka ce’an dubbatani.

Misoomni qamadii Bonee jallisiin misoomu bara oomishaa bara 2011/12 lafa heektaara kuma torba qofa irratti eegalame, amma gara heektaara miiliyoona 3.4tti guddateera jedhan.

Kun bu’aa guddaa yeroo gabaabaa keessatti galmaa’e ta’uu akeekaniiru.

Qonnaan bultoonni qajeelfama mootummaa fudhachuun sirnaan hojiirra oolchuun bu’a qabeessa ta’uu kan danda’an yoo ta’u, kunis dameen misooma midhaanii Itiyoophiyaa garamitti akka guddachuu danda’u agarsiiftuu guddaadha jedhan.

Misoomni qamadii jallisii Bonaa naannichatti gaggeeffamaa jiru, bal’ina lafa qonnaatiinis ta’e, oomishtummaan bu’aa fooyya’aa galmeessisaa akka jiru eeraniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015